[ad_1]
Ayyaanni Irreecha birraa biyya Masrii magaalaa Kaayirootti guyyaa kaleessa Onkololeessa 30/2022tti bifa hoo’aa ta’een kabajame.
Hawaasni Oromoo baqattummaan biyya Masrii magaalaa kaayiroo jiraatu gamtaan bahuun Hora Mormoritti irreeffateera.
Irreecha Hora Mormor kana irratti qeerroo fi qarreen uffata aadaatiin faayamuun walleewwan aadaa garagaraa sirbuun ayyaanicha miidhagsaniiru.
Waltajjii kabaja Ayyaana Irreecha Malkaa Mormor qophaa’e irratti hirmaattonni dhaamsa dabarsaniin Oromiyaan ala jiraannus aadaa fi duudhaa keenya jabeessaa uummata keenya haleellaa xiyyaara nama-maleessaa fi waraana lafootiin mootummaan Itoophiyaa fixaa jiruuf sagalee ni taana jedhaniiru.
Dabalataanis waltajjii kanarratti haleellaa Diroonitiin ilmaaan Oromoo tibba darbe Shawaa Lixaa aanaalee Cobii fi Meettaa Wal-qixxee, Wallagga Bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa fi Shawaa Bahaa aanaa Fantaalletti duguugamaniif sirni yaadannoo taasifameera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings