Awwaalli jumlaa lammiileen Itoophiyaa keessatti argaman Maalaawiitti argame.
Malaawwitti awwaalli lammiileen Itoophiyaa 25 keessatti argaman argamuu isaatu ibsame.
Kutaa bulchiinsa Kaaba Maalaawii bakka Mizimbaa jedhamtutti awwaala jumlaa bosona keessatti argame keessatti reeffi godaantota lammilee Itoophiyaa argamuu isaa poolisiin biyyattii mirkaneesse.
Namoonni reeffi isaanii argame kunneen umuriin isaanii waggaa 25 hanga 40 kan ta’an yoo ta’u, sababa maaliin akka du’an qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Dhuma wagga kanaa irraa kaasee godaantonni 221 akka qabamanii turaniifi isaan keessaa ammoo 186 kan ta’an lammilee Itoophiyaa akka turan poolisiin himee jira.
Godaantonni Maalaawii keessatti qabaman hedduun karaa Maalaawii goruudhaan gara Afrikaa Kibbaa, Awurooppaafi Ameerikaatti kan cehuuf deeman akka ta’e irra deddeebiin ni himama.
Waxabajji darbe keessa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibsa baaseen kaampii godaantotaa baqattootaa Maalaawii keessatti Itoophiyaanonni miidhamtoota godaansa seeraan alaa akka argamaniifi saamichiifi rakkoon isaanirra akka gahu beeksisuun isaa ni yaadatama.
GIPHY App Key not set. Please check settings