[ad_1]
Artist Alii Birraa goota biyyaalessaa waan ta’eef sirni gaggeessaa isaa gaggeessaa gootaatu godhamaaf jedhe koreen sirna gaggeeassaa maatii fi mootummaa irraa hundeeffame.
Korichi ibsa har’a kenneen, guyyaa boru magaalaa Finfinnee paarkii Michoomaatti sirni geggeessaa taasifama jedhameera jira.
Sirni gaggeessaa guyyaa boruu ganama sa’aatii 2:00 irraa eegaluun mana jireenyaasaa magaalaa Bishooftuurraa ka’uun gara Finfinneetti imalli erga taasifamee booda Paarkii Michoomaatti gaggeessaan gootaa ni taasifamaaf jedhame ibsa miidiyaaf kennamerratti.
Sirni gaggeessaa sadarkaa biyyaalessaatti magaalaa Finfinneetii erga xumuramee booda bakka dhalootasaa magaalaa Dirree Dhawaatti sirni awwaalchaa kan raawwatamu ta’uus eeran.
Guyyaa boruu Xiyyaaraan gara magaalaa Dirree Dhawaatti erga gaggeefamee booda, wayita magaalaa Dirree Dhawaa gahus Istaadiyoomii Dirree Dhawaatti sirni salaataa raawwatamee sirni awwaalchaa kan raawwatu ta’uu korichi beeksiseera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings