in

Artiistonni Oromoo lamaa fi dargaggoon isaan waliin ture tokko sababa tokko malee Finfinnee keessatti humnoota tikaatiin ukkaamfamanii hidhamanii jiru.

[ad_1]

Artiistonni Oromoo lamaa fi dargaggoon isaan waliin ture tokko sababa tokko malee Finfinnee keessatti humnoota tikaatiin ukkaamfamanii hidhamanii jiru.

 

Artist Shimallis Abbaabbuu, Artiist Fayyisaa Hayiluu fi dargaggoo Bohaaraa Tashoomaa Wixata Kaleessaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammiin Kuraa aanaa 08 bakka addaa Fiigaa jedhamutti Hoteela Milkii jedhamu keessatti osoo laaqana nyaachaa jiranii humnoota tikaa uuffata Siviilii uuffatan lamaan qabaman.

Yeroon isaa Waaree dura naannoo sa’aatii 05:30 fi 06:00 gidduu ta’a kan jedhan maatiin isaanii Artistootaa fi dargaggoon kunneen waahillan isaaniin kan biroo  lama wajjin laaqana osoo nyaachaa jiranii humni tikaa “ni barbaadamtu jechuun” qabee deeme jedhu.

Yeroo ammaas Buufata poolisii aanaa 08 kan magaalaa Lammii Kuraa keessatti akka hidhamanii jiran OMN Odeeffatee jira.

Artiistonni lamaanii fi dargaggeessi kunneen hanga oduun kun qindaayetti maaliif akka hidhamanii akka itti hin himaminii fi  mana murtiitti akka hin dhiyaatinis maatiin himanii jiru. 

Kutaa magaalaa Lammii Kuraa kanatti asiin duras Artiistonni Oromoo akka Alamuu Ajjamaa, Tulluu Taaddasaa, Tokkummaa Tuujubaa, Bilisummaa Qaabataa fi kanneen biroo yakka tokko malee hidhamanii gad lakkifamuu gabaasaa turre.

Seeliin gartuulee finxaaleyyii siyaasaa Amaaraa caasaa nageenyaa fi damee tikaa magaalaa Finfinnee fi kan federaalaa keessa dahate dhalattoota Oromoo magaalattii keesaatti adamsee hidhaa fi hiraarsaa jiraachuutu ibsamaa jira.

 

 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

CBE Resumes Banking Services In Shire, Alamata, Korem Towns – Satenaw: Ethiopian News

News: Fitch downgrades Ethiopia to ‘CCC-’; removes from UCO