in

Artiist Fayyee Ashee fi Tarreessaa Taammiruu sababa tokko malee hidhamanii buufata poolisii magaalaa Sulultaatti dararamaa jiraachuu waahillan isaanii OMN’tti himan.

[ad_1]

Artiist Fayyee Ashee fi Tarreessaa Taammiruu sababa tokko malee hidhamanii buufata poolisii magaalaa Sulultaatti dararamaa jiraachuu waahillan  isaanii OMN’tti himan.

 

Artiist Fayyeen gaafa gubaa Masqalaa osoo ollaa isaa waliin gubaa gubaa jiruu kan butamee hidhame yoo ta’u, hanga amma mana murtiitti osoo hin dhiyaatin jira. 

Artist Tarreessaa Taammiruu immoo Jala bultii Irreecha Finfinneerratti magaalaa Sulultaa keessaa qabame.

Artiist Fayyee Ashee wellewwan aadaa fi warraaqsaa akka maaltu siin dorgomaa, sibiraa hin hafuu, kaayyoo kee hin dagatin jedhan wellisuun uummataan gahee jira. 

Gaafa gubaa galgala qaamoleen mootummaa hin barbaadamta jechuun qabanii buufata poolisii magaalaa Sulultaa galchan. 

Achitti reebichi hamaan irratti raawwachuu dubbatu hiriyoonni isaa.

Artist Tarreessaa Taammiruu immoo Wellee wal mammaarachine jedhamu kan dhiyoo gad lakkisee fi sirboota birootin beekama. 

Artiistii kana Jala bultii Irreecha Finfinnneerratti sababa tokko malee magaalaa Sulultaa keessa hoteela keessaa bakka hiriyoota isaa waliin jiruu qabanii hidhan. 

Namni ammaaf maqaan isaa adda hin baane tokkos waliin hidhamuu odeeffanneerra. 

Artiistonni kunneen hanga ammaa mana murtiitti hin dhiyaanne badiin isaaniis maal akka ta’e itti hin himamne.

Artiistin biraa dhalootaan aanaa Fantaallee ta’e Ibraahim Roobaas torbaan dura hidhame hanga ammaa mana hidhaa jira jedhamee jira.

Mootummaan Artiistota Oromoo adamsee hidhuu itti fufeera. Artiistotni sababa tokko malee waraanan ajjeefamanis jiraachuu OMN gabaasaa ture.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: UN experts warn women and girls fleeing war in Tigray, Amhara, Afar at heightened risk of trafficking for sexual exploitation

Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadiisitti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jechuun dabballoonni aanichaa fedhii isaanii malee miindaa irraa muraa jiraachuu Barsiisoti Aanicharraa OMN quunnaman himan.