[ad_1]
Artiist Alii Birraa nama ogummaa wellee qofa osoo hin taane nama dandeetttii gam hedduuti jedhu Artiistonni fi ogeeyyiin muuziqaa sirna Awwaalchaa isaa irratti haasawa godhan.
Artist Aliin nama muuziqaa biyyattii tarkaanfii tokko of fuulduratti tarkaanfachiise. Beekumsa bu’uuraa muuziqaa irratti gabbifate dha jedha ogeessi muuziqaa Serta FireeSibhaat.
Aliin Muuziqaa sagalee qofa osoo hin taanee dandeeettii gosa hedduu nama gonfate. Meeshaalee muuziqaa akka Giitaarii, Uudii, Harmonikaa, Piyaanoo, Akkoordiyoonii fi Orgaanii taphachuu nama beeku kan jedhu Sartsan namoota dandeettii hunda galeessaa akkanaa qaban indaastirii muuziqaa keessatti argachuun carraan isaa xiqqaa dha jedha.
Aliin Ogeessa muuziqaa qofa osoo hin taane barsiisaa dhaloonni waan hedduu irraa barachuu danda’u jechuun ibsa.
Kun immoo Alii addunyaa Muuziqaa keessatti nama guutuu isa taasisa jechuun jaja. Aliin sansaka, dandeettii fi maalummaa akkasii akka gonfatu kan gargaare Baha Oromiyaa madda jaalalaa fi wal danda’uu taatetti dhalachuu isaa ta’uu mala jedheen yaada jedha ogeessi Muuziqaa kun.
Aliin nama addunyaa muuziqaa keessatti maqaa guddaa horate dha. Kanaaf Yaadannoowwan guguddaatu malaaf jedhee jira ogeessi kun. Maqaa isaatiin Yaadannoo isaaf malu, Mana barnootaa Muuziqaa, iskoolaarshippii faa kan fakkaatan hundeessuun barbaachisaa dha jedha.
Hiriyaan Alii Birraa sirna gaggeessaa isaa irratti haasawa godhe kan biraa Artist Mahaamud Ahmad Alii Birraa nama namoota umriin osoo hin qoodne kabaju, nama safuu beeku, kan namummaan amala isaa ta’e nama guutuu sammuu bal’aa ture jechuun yaadata.
Sirboota koo Afaan Amaaraa ani sirbe keessaa “Naafqot new ye goddaany, yeedalloo isaa isatu naa kenne. Weellee Tiz tiz Iyyaaleny, jedhus na qo’achiisaa turuusaa nan yaadadha jechuun Artist Mahamud Ahmad dandeettii fi arjummaa Alii Birraa hima.
Hojiiwwan Alii Birraa bara jireenya isaatti dalage marti kan hin moofofnee fi dhaloonni irraa barachaa deemu dha jedhanii jiru Artistonnii kunneen.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings