in

Amantoonni Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo naannoo Oromiyaa mirga isaanii kabajsiisuuf cichanii sochii jalqaban fiixaan baasuu akka qaban Qomos Abbaa Saraqabirhaan WaldaSaamu’eel dhaaman.

[ad_1]

Amantoonni Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo naannoo Oromiyaa mirga isaanii kabajsiisuuf cichanii sochii jalqaban fiixaan baasuu akka qaban Qomos Abbaa Saraqabirhaan WaldaSaamu’eel dhaaman.

Abbootiin amantaa waraana labsaa turan buufata xiyyaaraa Booleetti humnoota tikaa fayyadamuun isaan ugguruu Qomos Abbaa Saraqabirhaan WaldaSaamu’eel himaniiru.

Abbaa Saraqabirhaan biyya Awustraaliyaa irraa gara Itoophiyaa dhufanii  buufata xayyaaraa Booleetti ugguramanii biyya dhufanitti deebifaman.

Qomos Abbaa Saraqabirhan Waldasaamu’eel muudama filannoo Ephiisqophosota Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay irratti hirnaachuuf Awustiraaliyaadha dhufan.

Buufata xiyyaaraa Boolee akkuma gahaniin balalii gaa Tigraayitti godhamu dhorkamanii buufata xiyyaaraa keessa guyyaa 3 bulan.

Sana booda gara Awustiraaliyaatti deebifaman.

Isaan Tigraay dhaquu haa dadhabaman malee filannichi hin hafne.

Qomos Abbaa Saraqabirhan Waldasaamu’eel ergasii turtii OMN waliin taasisaniin, sinoodoosiin bataskaana ortodoksii Itoophiyaa gaaffii amantoota naannoo Oromiyaa deebisuu diduun bara heddu ture jedhan.

Sinodoosiin Itoophiyaa amantaa kana waggoottan dheeraaf akka kan saba tokko qofa godhee ilaalaa akka tures  dubbataniiru.

Hundeeffamuu Sinodoosii Oromiyaa fi sabootaa laaffisanii akka duriitti olaantummaa isaaniitiin akka ofii fedhanitti deemsisu barbaadu jechuun abbaan amantaa naannoo Tigraay kun dubbataniiru.

Dabalataanis Sinodoosiin Oromiyaa fi sabootaa hundeeffame warra nuun malee dhimmi kamuu hin socho’u jedhu hirriba dhoorgaa akka jiruufi yaaddoo guddaa akka itti ta’e Abbaa Saraqabirhaan ibsanii jiru.

Hanga Sinodoosiin Itoophiyaa haqaan hin hojjanneetti sindodoosiin Oromiyaa fi sabootaa qabsoo cimaa gochuun shira kamuu tokkummaan fuuldura dhaabbachuun gahumsaa fi humna qaban itti agarsiisuu qaban jechuun himaniiru.

Sinodoosiin Oromiyaa fi sabootaa waan  eegalan kana tokkummaan itti cichanii cimsanii qabuu malee wal jalaa mucucaatanii laaffisuu fi akka salphaatti laalanii of duuba irraa deebi’uun hin barbaachisu jechuun dhaamaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Qaamoleen mootummaa qabata Waraana Bilisummaa Oromoo waraanuu jedhuun gandoota baadiyyaa Aanaa Meettaa Roobii keessatti yakkoota ajjechaafi buqqaatii hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni himan.

Bataskaana Ortodoksii Tawaahidootti kutaaleen lallabaa naannoo Oromiyaatti argaman garaagaraa murtii Sinoodoosii Itoophiyaa kan hin fudhanne ta’uu himan.