Ajjeechaan Tuuta Gadaa Michillee irratti raawwatame Yakka Duguuggaa Sanyiiti jedhe ABO-WBOn.
Sirni Abiy Ahimad, haayyotaa fi hogganoota Oromoo Gadaan Michillee Karrayyuu waggaa 40 itti dhama’ee qopheeffate halkan tokkoon dhabamsiiseera; Bulchiinsa Abiy jalatti Oromoon eenyummaa isaa gatuu dide “Shanee” jedhamee ajjeefamuun hiree isaa taateetti jedhe.
Yaadannoo Waggaa 1ffaa dhumaatii Tuuta Gadaa Michillee, kan Oromoo Karrayyuu ilaalchisuun ibsa kan baase ABO-WBOn, gochichi qaamuma Imaammata eenyummaa Oromoo awwaaluu fi Ummaticha hoggana dhabsiisuu kan Impaayerri Itoophiyaa irratti ijaaramteeti jedhe.
“Seenaa Impayera Itiyophiyaa keessatti, eenyummaa Oromoo awwaaluun imaammatadha” kan jedhu ABO-WBOn, Imaammata kana hojiitti hiikuuf; Eenyummaa Oromoo harkaa gatuu fi Hogganoota Sabichaa eenyummaa isaanii sirnaan hubatan dhabamsiisuun tooftaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa ture tahuu yaadachiise.
Haala kanaan sirnooti Impaayera Itoophiyaa Minilik irraa eegalee haga Abiy Ahimeditti jiran Oromoo of-wallaalchisanii, Oromoo irratti duulchisuun, Oromoo fixuun beekamu jedhe.
Waggaa 1ffaa Yaadannoo dhumaatii Tuuta Gadaa Michillee ilaalchisuun ibsa kan baase ABO – WBOn, Sadaasa 30, 2021, irraa eegalee hanga gochi kun raawwatamutti haala ture yaadachiiseera.
Sadaasa 30, 2021, Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Gareen Milishaa godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaatti ‘miseensa Shanee baasaa’ jechuun hawaasa hiraarsaa turuu himuun, Bariituusaa jechuunis Muddee 01, 2021 ammoo Tuuta Abbootii Gadaa Michillee Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf bakka Mootoma jedhamutti walitti qabamanii turan haala suukanneessaan rashananiiru jedhe.
Humnoonni Sirnichaan bobbaafaman kunniin namoota 41 bakka jilaatti itti marsanii erga qabaniin booda, guyyuma kana gara galgalaa Abbootii Gadaa fi Haayyoota Michillee 14 rashananiiru, Gocha kanaanis Sirni Abiy haayyotaa fi hogganoota Oromoo Gadaan Michillee Karrayyuu waggaa 40 itti dhama’ee qopheeffate halkan tokkoon dhabamsiiseera jedhe.
Mudde 2, uummatni reeffa haayyota isaa fi Abbootii Gadaa kaasuuf yaalus humnootni mootummaa akka uummatni reeffa hin kaafne ittisuu, galgala keessa reeffi Abbootii Gadaa 14, kan qaama isaanii irratti hiraarfamni guddaan mul’atu argamuu ibsuun, Abbootii Gadaa Oromoo Michillee miseensa Shanee fidaa jedhamanii rashanaman seenaan bara baraan kan yaadatu tahuu eere.
Oromoon eenyummaa isaa gatuu dide “Shanee” jedhamee ajjeefamuun hiree Oromoon sirna Abiy jalatti qabu ta’ee jira kan jedhu ibsichi, Yakka hagana ulfaatu erga raawwataniin boodas gochicha gara dabarsuun qaama biraa ittiin yakkuuf yaalamaa tureera, ta’us hin milkoofne jedhe.
Haala kanaan sirni kun Oromoo hedduu bifa mul’ataa fi dhokataan dhabamsiisaa jira, Oromoo fi Oromummaa dhabamsiisuu, Oromoo cabsuu, mirga Abbaa biyyuummaa Oromoo haaluu fi qe’ee isaa irratti mirga abbummaa dhabsiisuu, akkasumas Ummaticha hoggaanaa malee hambisuuf karoorfamee gocha raawwatamaa jiru tahuu ibse.
Gochi Tuuta Gadaa Michillee irratti raawwatame kun Yakka duguuggaa Sanyiiti, qaamuma duguggaa sanyii akka sabaatti Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruutis jedhe.
Muddee 1 guyyaa hayyoonni fi hoggaantoonni Gadaa Michillee diina qe’ee Oromoo weerareen jumlaan rashanamaan tahee akka yaadatamuufis dhaamsa dabarseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) duula duguuggaa sanyii Oromoo irratti qiyyaafatee gaggeeffamaa jiru kana Oromoo irraa qolachuun Ummaticha mataa ol qabachiisuuf qabsoo jabaatti jiraachuu eeruun, Qabsoo taasifamaa jiruun diinni lola lafoon injifatame kasaaraa isa mudate haguuguuf, haleellaa qilleensaa Xiyyaaraa fi Droniin ilmaan Oromoo nagaa fixuu hojii isaa guyyuu godhatee jiraachuus ibse.
Duguuggaa sanyii karaa qilleensaa gaggeeffamaa jiru irra aanuuf ilkee diinaa hiddaan buqqisuun barbaachisaa tahuu fi hirmaannaa Oromoo maraa kan gaafatu tahuu ABO-WBOn hubachiiseera.
Ilmaan Oromoo sirna kana jala hiriiruun sanyii duguggaa Oromoo irratti hirmaachaa jiraniif waamicha qabna kan jedhu ABO-WBOn, “Akeeka dhokataa diinni lammii keenya fixuu fi lubbuu keessanis dhabamsiisuuf qabu irraatti dammaqxanii Ummata Oromoo waliin akka hiriirtan; du’a, gidiraafi duguuggaa sanyii Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru nu waliin hiriiruun dura akka dhaabbattan gaafanna, Qeerroon dirqama qabsoo Ummaticha baraaruuf akka qopheessitan, Ummanni keenyas mirga of-ittisuu qabdanitti dhimma bahuun, diina qe’ee Oromootti duulee sanyii Oromoo duguugaa jiru irraa of-ittisuun dirqama uumamaa tahuu akka hubattan dhaammanna jedhe.
GIPHY App Key not set. Please check settings