[ad_1]
Ajjeechaan abbootii Gadaa Karraayyuu irratti sirna Biltsiginnaatiin erga raawwatame har’i waggaa 1 guutee jira.
Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 Muddee 1 bara 2021 humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatiin erga ajjeefamani ganna 1 gahee jira.
Sadaasaa 30 bara 2021 humni addaa Oromiyaa, Poolisiin aanaa fi milishaan aanaa Fantaallee bakka Haroo Qarsaa jedhamutti ummata “miseensa WBO baasaa” jechuun doorsisaa erga oolanii booda dargaggoota shan Humni Addaa Poolisii Oromiyaa “shakkinee qabnee deemna” jennaan ummanni didee walitti bu’iinsi uumamuu ragaalen bahan ni mul’isu.
Halkan Kiibxataa jechuun sadaasa 30 bara 2021 warri baallii gadaa harkaa qabu miseensonni Gadaa Michillee bakka Mootoma ykn Kaarra jedhamu kan ganna afur dura sirna Gadaaf jedhani qubatanitti jila kadhannaa Waaqaa irra buluu isaanittu himame.
Bakki Jillii abbootii Gadaa Michillee qubatee jiru kun bakka Haroo Qarsaa jedhamu kan Humni Addaa Poolisii Oromiyaa ummata itti doorsisaa oole kana irraa kiilomeetira 60 fagaate argama.
Sirna Kadhannaa waaqaa irratti Sangaan qalamee abbaan Gadaa eebbisee, Qaalluun Qumbii biifee hammeenya balaaleefate.
Jila sirna Gadaa keessatti nageenyii kadhatame, hammeenyi maganfatama. Toltuun hawwamee, badiin balaaleefatama. Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boru’s kanuma kadhate fakkaata. Tuutni Gadaa Michillee Karrayyuu’s kanuma aamiin jedhe.
Muddee 1 bara 2021 ganama bakka jilli miseensota tuuta Gadaa Michillee naanna’anii taa’aniin humni addaa poolisii Oromiyaa marse.
Waraanni mootummaa Abiy Ahmad kan sabboonummaa Oromoo fi eenyummaa Oromoo balleesssee sabboonummaa fi eenyummaa Itoophiyaa Biltsiginnaa ummata fudhachiisuuf qabsoo taasisaa jiru Galabaa ykn bakka Abbootiin Gadaa qubatan erga too’atanii booda dhiirota 39 kophatti baasanii reebuu akka jalqaban namoonni lubbuun hafan himani jiru.
Humni mootummaa kan Oromoo ajjeessu fi sabboonummaa Oromoo balaaleefatu reebbicha hamaa booda hunda isaanii fuudhe gaara Meexxii bakka dhagaan gurraachi gurguddaan argamu Basaqaa Aanolee jedhamu geesse. Garri deemaniin gara du’aati.
Sana booda gareen eenyummaa fi sabboonummaa Oromootti duule kun lubbuu abbootii Gadaa fi lubbuu miseensota tuuta Gadaa Michillee Karraayyuu ni ballleessina moo hin balleessinu kan jedhu irratti qondaalota mootummaa fi namoota garagaraa wajjiin bilbilaan mari’ataa turuu isaanii ragaaleen bahaa turan ni mirkaneessu.
Marii dheeraa booda geggeessitoota sirna Gadaa Oromoo Karraayyuu keessaa 16 ni ajjeefnaa irratti waliigalamee namoonni bebbeekkamoo fi geggeessitoota sirna gadaa ajjeefaman.
Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu, Boruu Fantaallee, Fantaallee Boruu, Qumbii Gurraachaa (Qaalluu), Bulaa Fantaallee, Roobaa Hawaas, Boruu Godaanaa, Jiloo Daadi’oo, Bulgaa Boora’uu, Jiloo Diidoo fi Boruu Jiloo kanneen jedhaman dabalatee walumaagalatti namoota 14 miseensota tuuta Gadaa Michillee ajjeefamanidha.
Namoota 16 adda baafaman keessaa lama miliquun lubbuu isaanii olfatuu isaanittu himama.
Akka Karrayyuutti Warra Korma Garaa hidhe jechuun Gootota itti gaafatamummaan biyyaa itti kenname jechuudha. Moggaasni warra korma Garaa hidhe jedhamu kan kennaamuuf goota qofaafi.
Goonni maqaa kana qabu lola keessatti duubatti hin deebi’u. Battala qabate dhukaasu hin ka’u. Yoo moo’atamanis ni wareegama malee hin ka’u. Kan isa achii kaasuu du’a qofa. Goota duuti qofti diina jalaa ooftu kanaan Warra Korma Garaa hidhe jedhani waamu.
Gootonni Karrayyuu Korma garaa hidhan Boruu Fantaallee fi Jiloo Diidoo Gootota sirna mootummaa Biltsiginnaatiin ajjeefamaniidha.
Ummanni Karraayyuu miseensota Gadaa isaanii barbaacha yeroo deeman reeffa allaattin ija keessa fudhattee fi qaama cinaan bineensaan nyaatame arguu dubbatu.
Hunda caalaa kan nama gaddisiisuu Abbaan Gadaan Karrayyuu Kadir Hawaas Boruu namoota ajjeechaa kana raawwatan keessa kan beekan akka qabani fi “nagaa buusuuf waliin hojjataa hin turree, walgahii waliin taa’aa hin turree” jedhanii maqaa waamani akka itti dubbataa turantu dubbatama.
Baatii Bitootessaa Bara 2022 keessaa guyyaa 100ffaa ajjeefamuu Abbootii Gadaa Karrayyuu sababeefachuun tuutni Gadaa afran hafan Gadaa Meelbaa, Gadaa Birmajjii, Gadaa Hambisi fi Gadaa Roobalee bakka miseensonni Gadaa Michillee irraa qabamanitti argamuun sirna Haaxarrii fi falannaa geggeessani jiru.
Sirni falannaa kun bakka ajjeechaan kun itti raawwate, bakka Abootiin Gadaa fi miseensonni Gadaa biroon jila itti gaggeessaa turanii irraa qabaman, bakka jalqaba irraa godaanan kan Bokkuu Magarsaa jedhamuufi bakka bokkuu itti biqilfatan kan Mootomaa Kaarraa jedhamu qulqulleessuun raawwatamee jira.
Sirna falannaa kana irratti waggaa waggaan ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame akka yaadatamu kan murtaa’e yoo ta’u, sababa rakkoo nageenyaatiif yeroo biraatti darbuu isaa ibsamee jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings