[ad_1]
Ajjeechaa suukkaneessaan viidiyoon marsaalee hawaasaa irra naanna’aa jiru dallansuu cimaa uume.
Gareen shororkeessaa Faannoo fi hidhattoonni uffannaa mallattoo Minilik uffatan namoota nagaa jumlaan haala suukkaneessaa ta’een wayita rashanan viidiyoon mul’isu bahe dallansuu cimaa uume.
Ajjeechaan kun Wallo aanaa Harxummaa Fuursiitti raawwatamuu akka hin oolle ibsamaa jira.
Humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi kanneen uffannaa mallattoo Minilik uffatan namoota heddu konkolaataa fe’umsaa Isuzutti fe’anii wayita fidan viidiyicha irraa ni mul’ata.
Itti aansanii immoo namoota hidhannoo wayiituu hin qabne kanneen tumaa konkolaataa irraa buusanii rasaasa akka bokkaatti wayita itti roobsanis viidiyicha irraa ni argama.
Viidiyoo sana irratti lubbuu balleessitoonni Faannoo fi hidhattoonni mallattoo Minilik uffatan kunneen namoota hin hidhanne kanneen afuura otoo hin baafachiisin wayita fixan ni mul’ata.
Warra dursanii konkolaataa irraa buusan rasaasaan fixaa, warra duubatti hafe tumaa konkolaataa irraa buusanii rasaasaaf dabaree dabarsanii kennu.
Afaan Amaaraatiin itti wacaa walwaamaa ajjeechaa kana raawwatu. “Abbabaa koottu” jedhanii Afaan Amaaraan wal waamu.
Waca kana keessatti yeroo dubbatan “gahee dhiisi rasaasa lafatti hin balleessin suuta dararamee haa du’u” jedhee miseensota Faannoo keessaa tokko yoo dubbatus sirritti dhaga’ama.
Warra konkolaata irraa namoota kanneen buusaa turan keessaa tokko “konkolaataatti ni dhukaafamaa? Na rukuttanii ooltan” jedhee yoo dheekkamuu fi yoo deebii walii laatan ni dhaga’ama.
“Gahee ofduuba irraa deebi’aa borus diina biraa qabna, eeyyen dhugaadha” jechaa deebii walii laachaa gaafa deebi’an suur-sagaleedhan mul’ata.
Gochaan gara hammeenyaa garee shororkeessaa Faannoo fi humnoota mallattoo Minilik uffatan kanaa yoomii fi eessatti akka raawwatame ibsamuu baatus warri waa’ee ajjeechaa jumlaa kanaa quba qaban ajjeechaan suukkaneessaan sun Oromoota Walloo irratti raawwatamee jedhan.
Ajjeechaan kun Wallo godina addaa saba Oromoo aanaa Harxummaa Fuursii naannawaa riqicha Hara Waaccaatti raawwatamuu dubbatan.
Viidiyoon sun naannawaa bara 2021 keessa dursaa amantii naannoo sanaa Sheeh Siraajiin dabalatee Oromoonni Walloo 27 haala sukkaneessaa ta’een humnoota Shororkeessitootaa Faannoo fi humna addaa naannoo Amaaraa duula Minilik jedhuun bobbaafamaniin wayita ajjeefaman kan waraabamee dha jedhan warri dhimmicha quba qaban.
Viidiyoon suukkaneessaan kun marsaa hawaasaa irratti gadhiifamuu hordofee dallansuu cimaa uumeeti jira.
Warri marsaalee hawaasaa irratti yaada kenne garee shororkeessaa akkanaa kana wajjiin biyya tokko qooddachuu keenyatti ni qaanofna kan jedhan.
Haala kanaan biyya sana kufaatii irraa oolchus ta’ee nageenya waaraa fiduun hedduu rakkisaa ta’u himu.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amaaraa jalqaba irraa kaasee garee kana ifaan ifatti leenjisaa ture kan jedhan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa, sadarkaa shororkaa akkanaa raawwachuu akka gahaniif kan karaa baneef mootummaa biyyattii tahuu komatu.
Gareen Shororkeessaa Faannoo Amaaraa fi michuuwwan isaa ajjeechaa suukanneessaa akkanaa irra deddeebiin raawwachaa jiraachuu yaadachiisuun fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa gochaan akkanaa kun yoo dafee hin too’atamne wal waraansa waliinii biyyattii keessatti dhalchuu mala sodaa jedhu akka qabanis yaada kennaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings