Ajjeechaa suukanneessaa fi duula duguuggaa sanyii garee shororkeessaa Faannootiin Amuruu magaalaa Agamsaatti raawwatame mootummaan haala mijeessuu ABO-WBO’n hime.
Qaamota haala mijeessan keessaa gurmuun milishaa Faqqadaa Abdiisaan hoogganamu kan mootummaan bobbaasee fi WBO of fakkeessee naannoo sana socho’u guyyaa tokko dursee jiraattota irraa hidhannoo hiikuun WBOn beeksiseeti jira.
Dhimma gurmuu kanaa fi haleellaa Agamsatti raawwatame irratti ABO-WBOn waan jedhe qaba.
ABO-WBOn ibsa kaleessa baaseen duguuggaan sanyii kun raawwatamuun dura mootummaan humna ofii ajajatu WBO fakkeessee bobbaase kan Faqqadaa Abdiisaatiin durfamutti dhimma bahuun uummanni Oromoo haleellaa isa irratti banamu akka hin qolanneef hidhannoo uummata irraa hiiksisee jedhe.
Itti aansuun humnoota shororkeessitoota Faannoo fi milishaa finxaaleyyii Amaaraa Bir Shalaqootti leenji’an bobbaasee uummata Oromoo nagaa duguugsisuu ABO-WBOn himeeti jira.
Mootummaan bilxiginnaa hidhattoota milishaa Faqqadaa Abdiisaan hogganaman kan WBO offakkeessanii socho’an bakkeewwan heddu godina Wallagga Bahaa, aanaalee Kiiramuu, Limmuu Galiilaa fi Giddaa Ayyaanaa keessa jiranitti bobbaasuun hawaasa goolaa jiraachuus ibseeti jira.
Uummanni murna WBO offakkeessee socho’u kan mootummaan ajajatu kanaan akka hin burjaajofne kan hubachiise WBOn, bakkeewwan hedduu murna kana haxaayee baasuutti akka jiru hime.
Gareen shororkeessaa Faannoo fi humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa bakkeewwan daangaa Amaaraatti dhihoo jiran baay’ee qabatanii jiraachuu kan ibse ajajni olaanaan ABO-WBO, Aanaa Amuruu keessa gandoota jiran 21 keessaa 16 heeyyama PPtiin humnoota Amaaraa kanaan dhuunfatamanii jirus jedheera.
Haleeltonni kun baankiiwwan, suuqiiwwan fi manneen jiraattota hunda weeraruun saamaa akka jiranis ABO-WBOn ibsa isaa kanaan eereeti jira.
Humnoonni kun bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaran kan deeggaraman tahuu kan mul’isu, qabeenya saaman mara bajaajii, motorbiskileetii fi konkolaatota asxaan Poolisii Naanoo Amaaraa itti maxxanfameetti fe’atanii deeman jechuun addeesse ABO-WBOn.
Namoonni ajjeefaman baay’inaan ijoollee fi maanguddoota haleellaa fixinsaa sana jalaa fiiganii ba’uu hin dandeenye ta’uu jiraattota naannichaa wabeeffachuun ibsa isaa keessatti hammachiiseera.
Mootummaan bilxiginnaa dantaa siyaasaa ittiin guuttachuuf jecha humnoota seera-qabeeyyii hin taane adda addaa bobbaasuun uummata gidduutti wal-dhabinsaa fi hookkara uumee lubbuu lammiilee danuu duguugaa jira jedheera ABO-WBOn.
Qorannaa taasiseen ABO-WBOn humnoonni kun, akka qaama sagantaa ministira muummee itti-aanaa Dammaqaa Mokonniniin too’atamuutti, mooraa leenjii Bir Shalaqoo kan Bureetti dhihoo ta’ee fi bakka haleellaan fixinsaa kun itti raawwatame irraa Kiiloo Meetira 50 qofa fagaatu keessatti leenjifamu jechuun ibsa kanaan saaxileera.
Humnoonni kun waggoota lamaan darban keessa, fixinsa Harootti geggeeffame kan yoo xiqqaate jiraattonni nagayaa dhalattoonni Oromoo 69 itti ajjeefamanii fi 52,000 itti buqqifaman dabalatee, haleellaalee fixinsaa hedduu raawwataa akka turanis yaadachiiseera.
Bulchiinsi Abiyyi yeroo kallattiilee hedduudhaan dhiibbaan of irraa deebisuu hin dandeenye isa mudate kanatti, hawaasaalee gidduutti wal-dhabinsa uumee wal irratti kakaasuu fi daran hookkara uumuudhaaf shira xaxuu jabeessee itti fufeera kan jedhe ABO-WBOn kun furmaata waaraa fiduu akka hin dandeenye ibseera.
ABO-WBO Fixinsa Agamsatti lammiilee nagayaa irratti raawwatame kana jabeessee kan balaaleffate yoo ta’u jaarmayaaleen mirga namoomaa hatattamaan haleellaa fixinsaa Agamsatti raaw’atame kana irratti qorannaa akka geggeessan gaafateera.
Dabaluunis uummata qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun waytii ammaa aanaa Amuruu magaalaa Oborraa qubatee jiruuf ummanni Oromoo fi qaamni dhimmi ilaalu kamuu dirmachuun gargaarsa namoomaa taasisuufii akka qabu ABO-WBOn waamicha taasiseera.
Kana dura miseensi paarlaamaa Hangaasaa Ibraahim murni mootummaan bobbaase kan WBO of fakkeessee socho’u akka jiru dubbataniiti turan.
Murni kun ajjeechaa fi badiiwwan garaagaraa uummata irratti dalagaa akka jirus himuun isaanii ni yaadatama.
Agamsattis murni kun guyyaa tokko dursee uummata irraa meeshaalee waraanaa akka hiike jiraattota irraa dhageenye.
Guyyaa itti anu lafa barii immoo humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannootu uummata nagaa harka qullaa jiru duguuge.
GIPHY App Key not set. Please check settings