in

Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa xalayaa UNESCO dhaaf barreesse. – OMN


Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa  xalayaa UNESCO dhaaf barreesse.

 

Gama biraatiin bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa lafa aanaalee Fantaallee fi Boosat humnoota poolisii addaa naannichaa fi garee shororkeessaa Faannoo itti bobbaasuun weeraraa jiraachuu jiraattonni himataa jiru.

Bar dheengaddaa Muddee 1, 2021 gaafa roobii galgala ture jilli tuuta gadaa Michillee kan Karrayyuu kan hidhattoota mootummaa bilxiginnaatiin haala suukanneessaan ajjeefaman. 

Bilxiginnaatu ajjeechaa suukanneessaa Abbootii Gadaa Karrayyuu tuuta Gadaa Michillee fi warra ulfoo irratti raawwate.

Abbootii Gadaa dabalatee ajjeechaa kanaan namoonni duguugaman Qalluu, Abbaa Bokkuu, Abbaa Sabbataa, Warra Korma Garaa Hidhe, Jajjabii Tuuta Gadaa Michillee, Jaarsa Godaa, Manguddoo Biyyaa fi Dardara Miinyaati.

Ajjeechaan Oromiyaa bakkeewwaan garagaraatti raawwatamaa jiru ajaja bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akka raawwatamaa jiru miseensonni Paarlaamaa fi Caffee yaada walirratti kaasuun ragaa walirratti ba’aa turaniiru.  

Warroota ifatti ajjeechaan raawwatamaa jiru keessoo sirna Bilxiginnaatiin karoorfamee raawwachuu saaxilan keessaa Hangaasaa Ibraahimii fi Taayyee Danda’aa warra duraati. 

Garuu hanga har’aa haqni Abbootii Gadaa Karrayyuu dhiigni isaanii dhangala’ee hin baane. Mootummaan ajjeesee dubbii irra dibaan darbuuf yaale.

Kanuma hordofuun tibbana Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa  xalayaa UNESCO dhaaf barreesseera.

Dura teessuun Waldaa Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa aadde Dinqinaash Dheeressaa yaada kennaniin dhimma ajjeefamuu abbootii gadaa Karrayyuu ilaalchisee UNESCOn akkuma sirni gadaa jiraachuu isaa galmeessee jiru geggeessitoonni sirna gadaa ammoo mootummaadhaan ajjeefamuu akka baraniif xalayaa UNESCO dhaaf barreessine jedhan.

Qabiyyeen xalayaa kanaa inni guddaan, UNESCOn abbootii gadaa Karrayyuu mootummaa Bilxiginnaatiin ajjeefamaniif sagalee akka ta’udha.

UNESCOn Abbootii Gadaa Karrayyuu jila irra jiran badii tokko malee kan ajjeese Bilxiginnaan seeratti akka dhiyaatu akka taasisuuf xalayaadhaan gaafannes jedhan.

UNESCOn hambaaleen seenaa kunneen akka hin banne gochuufi gocha dabaa Bilxiginnaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwates Addunyaan akka beekuuf dirqamasaa bahuu qaba yaada jedhu giddugaleeffachuun xalayaa kana kan barreesse ta’uu ibse waldaan kun.

Akka Waldaa Ijaarsa Dubartootaa Oromoo Idil Addunyaatti xalayaa yeroo garaa garaatti dhaabbattoota mirga namoomaaf galchinuun alattis sagantaalee dhabbattoota mirga namooma Addunyaa irratti qaamaan argamuun rakkoo Oromoo ibsaa turuun keenya duraan mootummaa Wayyaanee irratti dhiibbaa godheera kan jedhan Aadde Dinqinash, ammas uummanni Oromoo biyya alaaf keessaa, osoo ijaaramnee yaada tokkoon deemnee bilisoomuun yeroo nurraa hin fudhatu jedhaniiru.

Gama biraatin bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa lafa aanaalee Fantaallee fi Boosat humnoota poolisii addaa naannichaa fi garee shororkeessaa Faannoo itti bobbaasuun weeraraa jiraachuu jiraattonni himataa jiru.

Uummanni Oromoo aanaalee Boosat fi Fantaallee gama tokkoon ajjeechaa humnoota sirna biltsiginnaatiin, gama biraatiin immoo weerara daangaa humnoota naannoo Amaaraan gidiraa hamaa keessa jiraachuutu himame.

Kaayyoon weerara lafaa bulchiinsa naannoo Amaaraa daandii guddaa Finfinnee-Jibuutii to’achuun daandicharratti magaalaa bulchiinsa naannichaatin bultu hundeessuu akka ta’e jiraattonni waytii garaagaraatti ibsaa turaniiru. 

Sababa kanaafis lafa qabiyyeen isii tan Aanaa Fantaallee taate Qorkee jedhamtu too’achun manneen adda addaa irratti ijaarrachaa jiraachuu jiraattotatu hime.

Adeemsi isaanii Oromiyaa bakka lamatti kan hiru ta’uun walqabatee dhimmichi Oromoo mararraa xiyyeeffannoo argachuu qaba jechuun jiraattonni iyyachuurratti argamu.

Tibba darbe Aanaa Boosat ganda Dhaddacha Hadheechaatti lubbuun namoota 7 guyyaa tokkotti garee shororkeessaa Faannoon yoo baatu aanaalee lamaanirraahuu lafti hedduun weeraramaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

TPLF Continues Vacillating Between Victim and Victor –

News: Ethiopian Teachers Association, Civil Societies Coalition call for hostilities de-escalation, continued humanitarian assistance | Satenaw: Ethiopian News