in

Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaa fi kan humnoota Tigraay har’a Keeniyaa Naayiroobiitti waliigaltee mallatteessan. – OMN


Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaa fi kan humnoota Tigraay har’a Keeniyaa Naayiroobiitti waliigaltee mallatteessan.

 

Waliigaltee kana gama mootummaa Itoophiyaatiin itamaajoorii shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, gama humnoota Tigraayin immoo ajajaan humnoota Tigraay Leetinaal Jeneraal Taaddasaa Warradaatu mallattesse.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin gartuuleen lameen diinummaan walbarbaaduu irraa dhaabbachuuf waliigalaniiti jiru.

Gama humnoota Tigraay hidhannoo hiikkachiisuutiin immoo, waliigalteen kun Raayyaa Ittisa biyyaatiin ala humnoonni alaas ta’ee kan biroon naannoo Tigraay ni bahu, humnoonni Tigraayis meeshaalee waraanaa ni hiikkatuu jedha.

Mootummaan federaalaa immoo akkaataadhuma heera mootummaatiin gahee mootummaa federaalaa akka taphatu waliigalameeti jira.

Kana malees eegumsi lammiilee nagaatiif akka taasifamu, gargaarsi namoomaas bakkeewwan gargaarsa barbaadaniif akka dhaqqabu waliigalameeti jira.

Gartuuleen lameen akkaataa fi yeroo waliigalteen kun hojii irra oolu ilaalchisuunis waliigalanii mallatteessaniiti jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Rebel OLF launches targeted attacks in central Ethiopia – Mereja

TPLF central committee says “it did not send a negotiating team to Pretoria” – Mereja