[ad_1]
Ajajaan Waliigalaa ABO-WBO Marroo Dirribaa WBOn magaalota eegumsa qaban keessa galaa jiraachuu hime.
WBOn humna gahaa akka qabus ibseeti jira.
Mootummaan marii haqa qabeessaaf qophii taanaan ABO-WBOn qophii ta’uus Marroo Dirribaa ifoomseera.
Marroo Dirribaa yaada BBCf kenneen, Waraanni Bilisummaa Oromoo gammoojjii fi baadiyyaa qofa otoo hin taane magaalota eegumsa qabanillee galaa akka jiru dubbateeti jira.
Namoota siyaasaa qawwee hidhachiisuun bobbaasanis eegumsa isaanii bira cehaa jirra,” jechuun hima Marroon.
Magaalota Gaambeellaa, Gimbii fi Dambi Doollootti opireeshiniin milkaa’aan adeemsifamu kan ibse Marroon, mootummaan WBO balleessine, qawwee caccabaa qabu kan jedhuuf WBOn akka mootummaan jedhu akka hin taane itti agarsiisee jira jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin WBO sadarkaa yaaddoo hin taane irraan geenyee jirraa jedhee ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu bakkeewwan heddutti kan duraa caalee sochiitti akka jiru ragaaleen kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa argaman ni mul’isu.
Kaayyoon hidhattoota WBO amma lollaa jiruu maali? Karaa nagaatiin waan qabsaa’aniif galmaan gahuun hin danda’amuu gaaffiiwwan Marroof dhiyeessinedha.
Kaayyoon WBOn amma qabsaa’uuf kan gaafatame Marroo Dirribaa “kan ABOn duraan waggoota shantamaaf qabatee deemaa ture irraa adda miti” jedha.
”Innis uummata Oromoo bilisa bahe, kan dhiibbaan siyaasaas ta’e dhiibbaan waraanaa irra hin jirre ijaaruudha. Uummata Oromoo bilisa ta’ee Oromiyaa bilisaa fi walaba taate ijaaruu danda’uu fi hireesaa ofiin murteeffatu dhugoomsuudha.” jedhe.
Akkasumas, ”uummata bilisaa taanee sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa kaan waliin wal qixa taanee, namummaa fi aadaansaa kabajamee, waan siyaasaafi seenaan nuuf malu argannee jiraanna jedhu fiduudha,” jedha.
”Ummanni Oromiyaa walaba taateen ijaarrachuu barbaada kan jedhu yoo tahe, sana kabachiisuufi tiksuuf qabsoofna.” kan jedhe Marroon, “Itoophiyaa keessatti dhiitamuu fi cunqurfamuun hafee saboota kaan waliin karaa wal qixa taheen jiraachuu yoo barbaades isas kabachiisuuf qabsoofna’’ jechuun kaayyoo qabsaa’aniif himeeti jira.
WBOn humna waraanaa gahaa tahe qabaachuu kan dubbatu Marroon, lakkoofsaan garuu himuuf hin feene.
Qabsoo hidhannootti maaliif akka ciche kan gaafatame Marroo Dirribaa, ammayyuu uummanni Oromoo bilisummaa barbaadu hin gonfanne jedhe.
‘‘Kan durii caalaa kan hammatedha. ABOn yeroo kamuu caalaa amanta irratti gatee kan gale bulchiinsa ministira muummee Abiy Ahimadittidha. Garuu akka ka’uu hin dandeenyetti kan miidhame bulchiinsa isaanii jalattidha jennee amanna,‘‘ jedhe.
“Namni dhiiga namaa dhangalaasuu barbaadus tahe dhiigasaa dhangaalaasuu barbaadu hin jiru,” jechuun waraanni karaa nagaarra filatamaa akka hin taane ibsa.
Garuu, daandii nagaa jedhu kana irratti waan arganne deebisnee dhabneerra jedhe Marroo Dirribaa.
Marroon mariin rakkoo furuu ilaalchisee gaaffii dhihaateef immoo deebii wayita kennu, “akka daa’imaatti waan xiqqoon sossobamee kan galu hin jiru. Waan barbaannu jira. Isa ammoo gadi buusnee waan harka kennannuuf hin jiru” jedhe.
Mootummaan ABO-WBOn nagaa biyya kanaa keessatti waan gumaachutu jira. Waliin hojjenna jedhee kan amanamu yoo tahe nuyis qophiidha jedhe.
‘‘Bakka nuyi filannetti, nama feenu mootummaafis nuufis taha jennee kan amannu bakka jirutti, taajjabdootni idil-adunyaa bakka jiranitti kan waamichi nuuf godhamu taaanaan mariif qophiidha” jedhe.
‘‘Kanaan ala akka daa’imaatti karameellaan nama gowwomsanii kan nama waaman yoo tahe kan gowwomfamu hin jiru.’’ jechuun ijjannoo ABO-WBO ifoomsee jira Marroo Dirribaa.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings