[ad_1]
Ajajaa itti aanaan waliigalaa Waraana Bilisummaa Oromoo Gammachuuu Abbooyyee Oromoon humna waraanaa jabaa yoo qabaate naannawa Afrikaa Bahaatti kabajamee saboota ollaa isaatiifis wabii ta’a jedhan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooniin Kibbaa humna waraanaa haaraa leenjisaa ture eebbise.
Akka gabaasa Miidiyaa Arraata Biyyaalessaa Oromiyaatti humni haaraan miilana eebbifame humna lafoo, humna jajjabee fi ogeeyyii waldhaansa fayyaati.
Sirna eebbaa kanarratti seenaa Oromoo kaleessaa yaadachiisuun ergaa eebbifamtootaaf kan dabarsan Ajajaa itti aanaan waliigalaa Waraana Bilisummaa Oromoo Gammachuu Abbooyyee uummanni Oromoo gaafa ijaaramee humna lolu qabu gaanfa Afrikaatti kabajamaa fi wabii saboota ollaa isaa ture jedhan.
Keessumaa Jaarraa 16tti laafina isaa sanaan dura ture madaaluun Madda Walaabutti galee of ijaaree diina qolachuun lafaa fi nama isaa bilisoomsee yeroon kabaja isaa deeffate dhaloota keenyaafuu barnoota ta’uu qaba jedhan.
Humna jabaa qabaachuun kabaja ta’uu muuxannoo biyyoota addunyaa fudhachuun kaasanii jiru.
Erga humna diinaan cabee garuu Oromoon qabeenya isaas saaamamee warra kaaniif hafuu miti saba ofirraa roorroo qolachuu hin dandeenye ta’e jedhan.
Kana hordofee sabichi kabajaa guddina isaaf malu hin arganne, uummata osoo waan hundaan of gahaa ta’ee jiruu waan baay’ee dhabe ta’aa dhufe jedhan. Of ijaaruun carraaqqii yeroo dheeraas akka fudhatu himaniiti jiru.
Kanaaf kabajaa guddina saba keenyaa madaalu argachuuf humna keenya ijaaraa jirra jedhan qondaalli kun.
Qormaata hedduu keessa dabarree humna jabaa Oromoo kabajchiisu ijaaraa jirra kan jedhan Ajajaan Waraanichaa, ergama guddaa nu eeggattuuf loltuun WBO gootummaa, naamusaa fi kaayyoo sabummaatiin qophaawuu qaba jedhanii jiru.
Dhaloonni jaarraa 16ffaatti humna Oromoo madaalu ijaaran dirqama isaanii bahuudhaan Oromoo kabajchiisanii darbanii jiru dhaloonni keenyas faana san hordofee dirqama ofiisaa bahuu qaba jechuun waamicha godhan.
Uummanni keenya dogoggoroota keenya nu soroorsaa akka nu waliin dhaabbatu jechuunis dhaamsa uummataaf dabarsan Ajajaa itti aanaan WBO Gammachuu Abbooyyee.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings