in

Addi Bilisummaa Oromoo waraanni Oromiyaa irratti labsame akkaan isa yaaddessuu beeksise. – OMN


Addi Bilisummaa Oromoo waraanni Oromiyaa irratti labsame akkaan isa yaaddessuu beeksise.

 

ABOn ibsa har’a baaseen pirezidaantonni naannolee Amaaraa fi Oromiyaa Oromiyaa keessatti waraana waloon adeemsisuuf akka jedhan ifa taasisuu yaadachiise.

Waliigaltee mootummoota naannolee lameenii hordofee konkolaattonni waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa loltoota hidhannoo jabaa hidhatan fe’uun kallattiiwwan garaagaraatiin naannoo Amaaraatii Oromiyaa seenuu ABOn himeeti jira.

Tarkaanfiin akka kanaa hedduun amma dura fudhatamanis bu’aa hin fidne kan jedhe ABOn, inumaa kan kanaan miidhame uummata nagaati jedhe.

Tarkaanfii amma dura fudhatameen daa’imman, dubartootaa fi maanguddoota dabalatee namoonni nagaan hedduun ajjeefamuu, manneen jiraattotaa gubachuu, ooyiruun uummataa mancaafamuu fi uummanni hedduun buqqa’uu ibseeti jira.

Itoophiyaan gaanfa Afrikaatti lakkoofsa buqqaatota biyya keessaatiin sadarkaa jalqabaa irratti akka argamtu eeree, beellis lammiilee akkaan dararaa jiraachuu beeksiseeti jira.

Tarkaanfii humnaatiin rakkoo furuun akka hin danda’amne ABOn eeree, pirezidaantonni naannolee lameenii tarkaanfii humnaa dhiisanii rakkoo karaa nagaatiin furuutti akka deebi’an yaamicha dhiheesse jira.

Naannoleen biroonis obbolummaa uummattootaaf jecha dhimma kana keessatti hirmaachuu irraa akka ofqusatan hubachiiseeti jira ABOn.

Dhiiga dhangala’u, gaaga’ama lammilee nagaa irra gahuu fi rakkoowwan lola labsuun walqabatee dhufuuf itti gaafatamummaan kan qondaalota kanneenii akka ta’es ABOn hubachiiseeti jira.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Adabbiin hidhaa waggaa kudhanii Miseensa Gumii Sabaa fi Qondaala Olaanaa ABO Obbo Amaan Fileetti murtaa’uun bu’ura seeraa hin qabuu jedhame.

Mootummaan hooggantootaa fi miseensota koo hidhuu, ukkaamsuu fi doorsisuu hammeessee jira jedhe KFOn. – OMN