Addi Bilisummaa Oromoo haleellaa xiyyaaraa magaalaa Mandiitti raawwatame balaaleffate.
Addichi ibsa baaseen, maddeen amanamoo irraa akkan dhagahetti haleellaa kanaan namoota 100 caalaatu ajjeefamee jedhe.
Hedduunis madaa’uu himeeti jira.
Haleellaa magaalaa Biilaatti raawwatameenis lubbuun namoota 80 caalaatu darbuu ABOn ibse.
Haleellaa xiyyaaraa Meettaa Walqixxeetiin namoota nagaa 70 caalaatu ajjeefame kan jedhu ABOn, aanaa Cobiitti immoo 60 oltu ajjeefamuu hime.
Kana malees haleellawwan xiyyaaraa bakkeewwan birootti raawwatamaniinis namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu ibseeti jira.
Haleellaan uummata nagaa irratti raawwatamu kana dhaabsisuu fi itti gaafatamummaan akka dhufu hawaasni addunyaa gahee isaa akka bahu ABOn yaamicha dhiheessee jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings