Addi Bilisummaa Gambeellaa hidhaa fi sarbamni mirgoota namoomaa naannichatti hammaatee jiraachuu ibse.
Biltsiginnaan Naannichaa maatii fi firoota qabsaa’otaa irratti fuulleffachuun seeraan ala hidhaatti dararaa jira jedhe Addichi.
Lammiilee ukkaamsuu, hidhuu fi reebicha irratti raawwachuun darbees wal’aansa dhorkachuun gochoota bal’inaan manneen hidhaa naannichaa keessatti raawwatamaa jiran ta’uu ibseera.
Gama biroon naannoo Beenishaangul Gumuzittis hidhaan dhalattoota Gumuz irratti fuulleffate bal’inaan raawwatamaa jiraachuutu himame.
Naannichatti namoota mirga ummata isaaniif qabsootti turan irraa eegalee hanga qondaalota mootummaa dhalattoota Gumuz ta’aniitti hedduun hidhamaa jiraachuun ibsameeti jira.
Hidhattoonni Gumuz mootummaa waliin araaramanii galan jedhamee tures haala mudateen walqabatee gara qabsoo hidhannootti deebi’uuf dirqamaa jiraachuun ibsameera.
GIPHY App Key not set. Please check settings