Ada’aa Bargaatti Oromoon humnoota mootummaan jumlaan rashaname jedhame.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaatti humnootiin mootummaa uummata nagaa irratti haleellaa bananiin namoota 46 caalaa ajjeesuu maddeen keenya naannichaa himan.
Maddeen keenya naannichaa OMNtti akka himanitti, namoonni ajjeefaman waraana waliin hidhata wayiituu kan hin qabnee dha.
Maqaan namoota nagaa aanaa Ada’aa Bargaa gandoota Caancoo Birraatee fi Tuulii Daseetti ajjeefamanii yeroof nu bira gahe:-
1.Angaasuu Abbabaa – Ga’eessa
2.Tolaa Daffaar – Dargaggeessa
3.Botee Zawudee – Manguddoo
4.Girmaa Diroo – Manguddoo
5.Didhaa Galmeessoo -Manguddoo
6.Hundee Tufaa-Manguddoo ijaan hin agarre
7.Mallisee Caalaa -Ga’eessa
8.Bayyuu Diribaa -Manguddoo
9.Kabbee Daadhii-Manguddoo
10.Bojaa Didhaa-Ga’eessa
11.Xilaahuun Biyyaanoo- Manguddoo
12.Asheetuu Tulluu-Manguddoo
13.Zawuduu Asheetuu-Ga’eessa
14.Mootii Baacaa-Ga’eessa
15.Mootummaa Daadhii-Manguddoo
16.Mangistuu Nurgii-Ga’eessa
17.Caalaa Tufaa-Manguddoo
18.Bokii Dirribaa-Dargageessa
19.Didhaa Kabbadaa-Ijoollee
20.Katamaa Tufaa- Manguddoo
21.Manguddoo Haadha Jaalannee jedhamtu
22.Darshoo Abarraa-Daaqonii mana Amantaa
Waraanni Bilisummaa Oromoo Oppereeshiniin Farra Riphee Lolaa maqaa jedhuun labsame uummata nagaa duguuguu irratti kan fuulleffate ta’uu irra deddeebiin ibsaa tureera.
Uummannis humnootiin mootummaa namoota nagaa fixaa akka jiran komataa jira.
Kunis “hawaasa jiilchanii ummataa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gargar baasuu” kaayyoo jedhu kan of duubaa qabu ta’uu Sanadni Oppereeshiniin Farra Riphee Lolaa amma dura OMN argatee waa’ee dhimmichaa gabaasaa ture ni akeeka.
Qondaalli olaanaan bilstiginnaa obbo Fiqaaduu Tasammaa “Qurxummii balleessuuf galaana gogsuun dirqama” jedhee ture.
Mataan biltsiginnaa Abiy Ahimad Waraana Bilisummaa Oromootiif uummatatu dahoo ta’eef kanaaf balleessuu dadhabne jechuun paarlaamaa irratti dubbate.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waraanni Oromiyaa irratti labsame Oromoo irratti labsame jedhe.
Gamtaan qolachuu qabna, Oromoon waraana isa irratti labsame hirree tokkoon qolachuu qaba jedhe WBOn.
GIPHY App Key not set. Please check settings