Abuna Ewostaatewoos Eenyu?
Hogganoota Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti jijjiirama Olaanaa barbaadan keessaa tokko kan ta’an Abuna Ewostaatewoos nama naamusaa fi beekuma olaanaan beekaman ta’uu seenaan isaanii ni ibsa.
Ijoollummaa isaaniirraa kaasanii barnootaa fi tajaajila amantaan kan guddatan Phaaphaasiin kun barnoota isaaniin hanga PHD gahanii jiru.
Afaanota biyyaa keessaa fi alaa shaniin nama tajaajila amantaa kennaa jirani Phaaphaasiin kun.
Warra sinodoosii haaraa hundeessee fi phaaphaasota tibba kana muudan keessaa isaan tokko.
Maqaan isaanii duraa Maggaabee Aa`ilaaf Aabbaa Woldagiyoorgiis Gonfaa jedhama. Abuna Ewosxaatewos kan dhalatanis abbaa isaanii obbo Gonfaa Gabrekiristoos Araddoo fi haadha isaanii aaddee Fittaalee Goobanaa irraa bara 1954 Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaa ganda qote bulaa Alii Nagoofee bakka Karkerreessaa Qulqulluu Mikaa’el, iddoo Wulii jedhamee beekamutti.
Gara Adaadii Dabra Galiilaa qulqulluu Balawaldiitti deemuun Margeetaa Mazgabuu Geetaneh irraa qubeedhaa hanga faarfannaa Daawitii fi akkasuma yeedalotti baratan.
Sana boodas gara kawaala Debre Tsimmonaa Taklehawaariyaat adeemuudhaan qinee margeetaa Mangistuu Geetaneeh irraa, achumattis margeetaa Waldemariyaam irraa barumsa lubummaaf barbaachisu hunda baratan. Achuma kawaalaa Debre-Tsimonaatti alaqaa Menberuu Gabrehiywoot irraa Tsooma Digguwaa, Mi`iraaf, Zimmaaree-mawaasihitii fi Aquwaaquwaamii baratan.
Gara kawaala Dabralibaanoosis adeemuudhan yeneetaa Amdee biraa barumsa qinee isaanii erga cimsatanii boodaa, gara Dabra-Tsimmonaa deebi’uudhaan margeetaa Zawudee biraa Aquwaquwaamii baratan. Gara Finfinneetis Ta`ikaa Nagast Ba’aataa Maariyaamittis dhufuudhaan barsisaa Geeraworq irraa qinee cimsataniiru. Kawaaluma kanattis galatoo(barnoota qiddaasee) sana dura baratan yenetaa Musee barsiisaa qinee irraa barachuun cimsataniiru.
Abuna Ewosxaatewos gama barumsa ammayyaatiin ammoo Sadarkaa tokkoffaa hanga jahaffaa mana barumsa Atsee Libnedingil, Torbaffaa fi saddetaffaa Mana barumsa Miskayehizunaan Madaanalamiitti, kutaa saglaffaa hanga kudha tokkoffaa mana barumsa Ittegee Mananitti; kutaa 12ffaa ammoo Miskayehizunanitti barachuudhaan qabxii gaarin xumuraniiru. Sana boodas bara 1992 gara koolleejjii Ti`olojii Sillaasee seenuudhan barumsa isaaniitin digiriidhan eebbifamaniiru.
Monoksummaa kan fudhatan Caamsaa 12 bara 1980tti kawaala Dabralibanositti.
Bara 1982 Lubummaa abbaa Mikaa`el irraa, Aangoo qomosummaa eebbifamoo abbaa Maatewos irraa fudhataniiru.
Kawaala Dabratsimmonaattis waggaa jahaaf tajaajilaniiru.
Akkasuma Finfinnee mana kiristaana Qacanee Madaalamiittis tajaajilaniiru.
Naannoo itti dhalatanittis diyaaqonummaa hanga margeetummaatti tajaajilaniiru. Kawaala Miskaye-hizunaanittis koreewwan garaagaraa keessatti hirmaataniiru.
Gara kutaa lallaba Iluu Abbaaboor deemudhaan barsiisaa leenjii barsiisotaa tahuudhaan yemmuu tajaajilanitti, hangafa phaaphaasii kutaa lallabichaa Abuna Filiphoosiin abbaa Weldaiyoorgiis jedhamaniiru. Mana barumsa Afaan Ingiliffaa Qiddist Maariyaamitti afaan Ingiliffaa barachuun dippilooma eebbifamaniiru. Akkasumas koolleejjii Rooyaalittis barumsa Afaan Ingiliffaa hordofaniiru.
Hagayya bara 1997 hangafa phaaphaasii Hararge Lixaa tahuudhan filamaniiru. Sana boodas hangafa phaaphaasii kutaa lallaba Kaaba Lixa Awurooppaa, Kaaliforniyaa fi Naannawa ishee tahuudhan hanga bara 2004 tajaajila baldhaa kennanii jiru.
Ameerikaattis Newberg Theological Seminary kolleejjIi jedhamurraa digirii doktireetii(PhD) argataniiru.
Abuna Ewosxaatewos namoonni tokko tokko fedhii dhuunfaa isaanitiin maqaa isaanii balleessudhaan qorumsa guddaa itti ta’anis, Ameerikaa Kaabaatti mana kiristaanaa tajaajiluu irratti argamu.
GIPHY App Key not set. Please check settings