in

Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa fi falmaan mirga namaa Abduljabbaar Huseen kaleessa yaadatamee oole. – OMN


Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa fi falmaan mirga namaa Abduljabbaar Huseen kaleessa yaadatamee oole.

 

Abduljabbaar Huseen Hagayya 11 bara 2021 magaalaa Adaamaatti du’ee argame.

Eenyu akka ajjeese otoo hin baramin hanga ammaa haqni isaa dhokatee jiraa jedhamuun sirni haqaa biyyattii komatama.

Duudhaa fi hojiiwwan gaggaarii abukaatoon hidhamtoota siyaasaa fi falmaan mirga namaa Abduljabbaar Huseen bara jireenya isaa hojjate dhaloota dhaalchisuuf Faawundeeshiniin Abduljabbaar Huseen hundeeffame kaleessa sirna yaadannoo isaa irratti ifa taasifameeti jira.

Haati warraa Abduljabbaar aaddee Sooriyaa Kadiir akka jettetti, Abduljabbaar bara jireenya isaa hojiiwwan fakkeenyummaa qaban hedduun hojjate.

Abduljabbaar nama haqaaf falmu, namoota gargaarsa barbaadan cinaa ofqusannaa tokko malee nama dhaabbatu akka ture himtee jirti.

Abduljabbaar Huseen haqaaf jedhee nama qabsaa’e, haqaaf nama jiraate, haqaaf lubbuu isaa nama dabarsee kenne ta’uu aaddee Sooriyaan eertee, duudhaa fi hojiiwwan isaa gaggaarii kana itti fufsiisuuf Faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundaa’uu dubbatteetti.

Hirmaattonni sirna yaadannoo kanaa gama isaaniitiin Abduljabbaar Huseen goota haqaaf falmee fi haqaaf lubbuu isaa kenne akka ta’e himaniiti jiru.

Haata’uutii garuu haqni Abduljabbaar hanga har’aa dhokatee hafuun akka isaan mufachiises dubbataniiru.

Hojii fi duudhaa abukaatoo hidhamtoota siyaasaa fi falmaa mirga namaa Abduljabbaar Huseen itti fufsiisuuf Faawundeeshinii Abduljabbaar Huseen cinaa dhaabbatanii akka tumsan ibsaniiti jiru.

Uummanni maatii isaa cinaa akka dhaabbachuu qabus himaniiru.

Sirna yaadannoo waggaa tokkoffaa ajjeefamuu Abduljabbaar Huseen magaalaa Adaamaa Galma Oliyaaditti adeemsifame irratti abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, waahiloonni ogummaa isaa, qeerroowwan, qarreewwan dabalatee namoonni hedduun argamaniiti jiru.

Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa fi falmaan mirga namaa Abduljabbaar Huseen waggaa tokko dura magaalaa Adaamaa ganda 12 jedhamutti du’ee argame.

Mootummaan Abduljabbaar ajjeefamuu isaatiif ragaan mul’isu hin jiru jedhullee, namoonni reeffa isaa argan garuu dugda irra waraanamuu isaa ragaa bahu.

Abduljabbaar Huseen bara 1972 godina Baalee aanaa Agaarfaa ganfa Hambeentuu jedhamutti kan dhalate yammuu ta’u, abbaa bultii fi daa’ima tokkoo ture.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Godina Arsii aanaa Gunaatti hongeen dheerachuun walqabatee jiruun hawaasaa balaarra bu’ee jiraachuun himame. – OMN

Ethiopia’s mega dam third phase water filling completes – New Business Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News