in

Abiy Ahimad duula Oromiyaa olaantummaan akka hooggananiif Qondaalota waraanaa sadii muuduun dhagahame. – OMN

[ad_1]

Abiy Ahimad duula Oromiyaa olaantummaan akka hooggananiif Qondaalota waraanaa sadii muuduun dhagahame.

Ministirri muummee Abiy Ahimad duula Oromiyaa irratti labsameef humna waloo bobbaafame olaantummaan akka hoogganan hooggantoota waraanaa sadii ramaduun ibsame.

Odeeffannoon keessoo mootummaatii OMN dhaqqabe akka mul’isutti, ministira muummichaan itti gaafatamummaan kan itti kenname: Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Lieutenant Jeneraal Getaachaw Guddinaa fi Lieutenant Jeneraal Yilmaa Mardaasaati.

Fiild Maarshaal Birhaanuun humna waloo akka qindeessan, Lieutenant Jeneraal Getaachaw Guddinaa immoo humna lafoo akka qindeessan qajeelfamni itti kennamuu maddeen keenya himan.

Haalli ammaan kana Oromiyaa keessa jiru humna lafootiin olta’uu isaatiin xiyyaarota waraanaas fayyadamuuf akka murtaa’e eeranii, kanaafis Lieutenant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa bakkeewwan Oromiyaa filataman xiyyaarota waraanaan akka reebsisan Ministira muummeen ajajamanii jiru jedhan maddi keenya.

Bulchiinsi Abiy Ahimad Tigiraayitti nagaan buusa jechuun, Oromiyaa irratti waraana qindaawaa labsee gaaga’ama guddaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti hordofsiisuu erga eegalee torbanoonni lakka’amaniiru.

Oppireeshinii Waraanaa Riphee Lolaan balleessa jechuun labse kanaan lubbuu namoota nagaa balleessuu, Qe’ee uummataa mancaasuu irraan kan hafe bu’aan qabatamaan argate tokkollee akka hin jirre ragaaleen mirkaneessu. Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuun hafee, Kasaaraan humna waraanaa fi Lojistikii guddaan isa mudataa jiraachuus lola hanga yoonaa geggeeffamerraa hubachuun danda’ameera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

WB Approves 300 Million USD to Support Ethiopia’s Conflict-Affected Communities

The Ethiopian diaspora and its new influence in American politics and beyond