[ad_1]
Abbootiin Seeraa eegdota Obbo Jawaar Mohaammad hidhamanii turan akka hidhaarraa hiikamaniif mirga wabii eegsisaniif, dhaddacharraa poolisiitiin qabamuun olaantummaan seeraa Itoophiyaa keessatti haala hammaataa irra jiraachuu agarsiisaa jedhame.
Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa magaalaa Adaamaa kan ta’aan, Abbaa Seeraa Dassaalany Lammii, Mahaammad Jimaa fi Abdiisaa Waaqjiraa jedhaman yakka tokko malee kaleessa dhaddacha irraa poolisiin qabaman.
Dhimma kana ilaalchisuun hooggansa mana murtii Oromiyaa keessaas namoota dubbisnee waan qindeeffanne qabna.
Bu’uura Labsii seeraa lakkoofsa 216/2011 keewwata 40 muraa 1-tiin abbaan seeraa, yakka cimaa osoo raawwatuu harkaafi harkatti yoo qabame malee, hayyama gumii abbootii seeraatiin ala poolisiin qabamuu, hidhamuu fi himatamuu akka hin dandeenyetu tumame.
Haa ta’uu malee Itiyoophiyaa keessatti, olaantummaan seeraa erga kufee tureera jechuun qeeqama.
Kanaafis ammoo poolisiin ajaja mana murtii diduun shakkamtoota dararuu, mirga wabii manni murtii murteesse dhorgachuufi hanga hidhaatii baasee nama ajjeesuutti aboo qabaachuusaatu akka ragaatti dhihaata.
Biyya olaantummaan seeraa gaaffii keessa gale Itiyoophiyaatti, yakkoonni adda adda sababa ilaalcha siyaasaafi jibba dhuunfaaf qaamolee mootummaatiin namarratti raawwatamuun baratamaa dhufee jira.
Kun hundi ta’us manni murtii, ogeessonni seeraafi abukaattonni kabaja ogummaa isaaniitiif jecha harka hin kennine kumaatamatu jira.
Waldhaansoo bitaafi mirgaa hunda danda’uun haqa namaa bakkatti eeguuf, aarsaa kaffalanii kan ifaajjan ogeessonni seeraa hedduun, dhiibbaa siyaasaatiin mirgi isaanii sarbamee yeroo dararaman ni mullatu.
Oduun kaleessa Adaamaarraa dhaga’ame ammoo, inumaawu sirni olaantummaa seeraa Itiyoophiyaa keessatti balaa keessa jiraachuu mirkaneesse.
Abbootii Seeraatu dhaddacharraa qabame. Seera raawwachiiftota osoo hin taane Seeratu hidhame.
Dubbichis akkas ture. Eegdonni Obbo Jawar Mohammed Fulbaana 22, 2022 ayyaana Irreechaarratti hirmaachuuf gara Bishooftuu osoo dhaqaa jiranii daandii gubbaatti qabamuun Adaamaa geeffamanii mana hidhaatti darbatamanii turan.
Turtii ji’a tokkoon ol erga hidhamanii booda poolisiin himata itti banuu dhabuusaatiif, manni murtii dhimmicha ilaaluun, gaaffii poolisiin yeroo qorannoo dabalataa gaafate kufaa taasisuun mirga wabii eegasisee akka hiikaman taasise.
Poolisiin ajaja mana murtiin dirqamnee isaan hiikus, bakka isaanii abbootii seeraa hidhuun taatee ija jabinaa hojjete.
Xalayaan iccitii ajaja hidhamuu isaanii agarsiiftu kan mana murtii Walii gala dhaddacha Dhaabbii Bahaatiif barroofte, “seelii diinaa” jechuun abbootii seeraa kanneen maqaa waama.
Abbootiin Seeraa kunniinis, Dassaalany Lammii, Mahaammad Jimaa fi Abdiisaa Waaqjiraa kan jedhaman yoo ta’aan, abbootii seeraa eegdota Obbo Jawariif mirga wabii eegsisan turan.
Akka seera labsii biyyattiitti abbaan seeraa tokko yakka harkaafi harkaa yoo hin hojjetin mirga hidhamuu dhabuu akka qabutu ibsama.
Kunis adeemsi seeraa iftoomina akka hin dhabneefi biliisummaa murtii kennamuuf jecha seera addunyaan hordoftu ta’uu ogeeyyiin ibsaa jiru.
Kanuma sababeeffachuun Manni murtii waliigalaa dhaddacha bahaa xalayaa irra deebiin waajjira poolisii Adaamaa kutaa magaalaa Dambalaatiif barreesseen abbootiin seeraa kun akka gad dhiifaman ajaja kennee ture.
Ta’us garuu poolisiin ajaja mana murtii akka nama hin dhaga’iniitti guyyoota hojii idilee dabarsuun, sanbata kanas mana hidhaa keessatti isaan oolche.
Koomishinin mirga namooma Itoophiyaas hidhamuun abbootii seeraa kun tasumaa waan raawwatamuu hin malle jechuun balaaleffate.
Sababa mirga wabii eeganiif hidhamuun isaanii ammoo ijoo dubbii ta’ee jira.
Mirga wabii eeguufi dhorkuun hojii abbootiin seeraa guyyaa guyyaan hojjetanidha, haalli itti eegan dogoggora yoo qabaate oliyyannoodhaan sirreeffama kan jedhan maddeen mana murtichaa OMN dubbise ammoo, akka seera yakkaa Itoophiyaatti mirga wabii eeguun yakka miti jedhu.
Gama birootiin, gochi dhaddachichatti kaleessa raawwate tumaa Seera Yakkaa Keewwata 449 sirriitti kan guutu ta’uu eeranii, osoo abbootiin seeraa hojii dhaddachaa hojjetanii poolisiin dhaddacha seenee dhaddachicha jeeqeera, hojiin dhaddachaa akka gufatu taasifameeras jedhaniiru.
Haala kana keessatti kan jeeqame abbootii seeraa sadan qofadha jechuun hin danda’amu kan jedhan keessa beektonni, poolisoonni dhaddachicha jeeqan bu’uura seeraan gaafatamuu akka qabanillee hubachiisaniiru.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa baasuu qaba, Ejjennoo isaas ibsuu qabaa kan jedhan ammoo ogeeyyiin seeraa dhimmichatti mufachuun marsaalee hawasummaarratti barreessaa jiran hedduudha.
Abbootiin seeraa hidhaman saffisaan akka gadhiifamanii fi gochichi qoratamee tarkaanfiin akka fudhatamu Komishiniin Mirga Namooma Itoophiyaa hubachiiseeti jira.
Daayireektarii olaanaan komishinichaa doktar Daani’eel Baqqalaa hidhaan kun fudhatama akka hin qabnee fi walabummaa murtii seeraa irratti haleellaa raawwatamee dha jedhan.
Dhimma kana ilaalchisuun Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Gaazilii AbbaaSimaliifi Itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii mana murtii waligalaa Oromiyaa Obboo Fayyeeraa Haayiluutiif bilbillee turre.
Obbo Gaazilis ta’e Obbo Fayyeraan bilbila nurraa hin kaafne.
Yaali ijibbaataa keenya milkeessuuf hooggantoota mana murtii walii gala Oromiyaa keessaa nama tokko argachuun yoo haasofsiifnu, dhimmichi dhugaa ta’uufi mana murtii wali gala Oromiyaas mufachiisuu ibsuun, sodaa nageenyaaf garuu maqaafi sagaleesaa akka qilleensarra hin oolchine nu gaafate.
Dabalataanis namni kun, Oromiyaa keessatti olaantummaan seeraa kufuufi manni murtii kabaja dhabuu ibsuun, akka hoogganaa tokkotti ofiifuu sodaa qabaachuu himee jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings