Abbootiin Qabeenyaa olaanoon Amaaaraa Propozaala “Beeta kinatii hanga Beeta mangistii” jedhu qopheessanii Fonqolcha mootummaa qindeessaa jiraachuu isaanii ragaaleen OMN argate mul’ise.
Abbootiin qabeenyaa kunniin gartuulee siyaasaa Amaaraa waliin gurmaa’uun sochiitti jiru.
Ragaalee icciitiin OMN argate, miidiyaalee 50 ol faaynaansiin utubanii dhimma kanaaf hojjachiisaa jiraachuus mul’isaniiti jiru.
Caasaa Raayyaa ittisa Itoophiyaa fi Humna Tikaa, Polisii Federalaa fi Humnoota Naannoo Amaaraatti dhimma bahuun aangoo mootummaa harka Amaaraatti deebisuu qabna jechuun hojjataa jiruu jedhame.
Sochiin tibba kana amantaa dahoo godhachuun fincila waamaa jiranis qaama sochii kanaa akka ta’e maddeen keenya ibsaniiti jiru.
Abbootii qabeenyaa amantii dahoo godhachuun fonqolchaa mootummaa raawwachuuf socha’aa jiran,
1) obbo Geetaachaw Alamaaayyahu abbaa qabeenya Samuel Building fi Maatii Nugusuu Xilaahun kan ta’e.
2) Tilliqsaw Gadaamuu, Abbaa Hoteela Raddison Blue fi Hoteelota hedduu.
3) Abbaa qabeenyaa Warshaa Bishaan Amboo akkasuma daldaala Gaasii fi Boba’aa kan qabatee obbo Tedroos Ashannaafi.
4) Warquu Ayitanaw Daldalaa Salixii fi Industirii Zayitii
5) Saamu’el Taffasaa, Abbaa qabeenyaa Sunshine,
6) Katamaa Kabbadaa, Abbaa qabeenya KK plc fi importara konkolaatota fe’insaa,
7) Bizu’ayyahu Taddalaa, Abbaa qabeenya Indaastirii simintoo nashinal fi East African Holdings
8) Balaaynah Kindee Daldalaa Zayitii, Salixii, Konkolaataa, Buna fi Meeshaalee ijaarsa.
9)Iyyob Maammoo, Lamummaa Ameerikaa kan qabuu fi Daldalaa Boba’aa irratti kan bobba’ee fi kanneen biroo hookkara biyyattiitti qabata amantiitiin kaasuuf maallaqaa deeggaraa jiraachuu odeeffannoowwan iccitii OMN qaqqaban mul’iaaniiti jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings