in

Abbaan qabsa’aafi qondaala olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa du’aan boqatan. – OMN


Abbaan qabsa’aafi qondaala olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa du’aan boqatan.

 

Obbo Raggaasaa Qopheessaa jaarsa umuriin raagan yoo ta’an, abbaa qabsaa’otaafi sabboonaa ijoollee ofii qabsoo Oromoof kennan turan jedhu namoonni isaan beekan. 

Waggoota hedduutiif ilma isaanii qabsa’aafi qondaala olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Abdii Raggaasaa utuu hin argin turuun isaanii kan himamu Obbo Raggaasaan, bara 2018 Addi Bilisummaa Oromoo, Ertiraa irraa gara Oromiyaatti deebi’usaa sababeeffachuun isaanis ilma isaanii arguuf akka carroomantu himama.

Haa ta’uu malee Obbo Abdii Raggaasaa gara Oromiyaa dhufanii waggaa tokko qofaaf erga nagaa jiraatanii booda, Amajji 2019 magaalaa Finfinnee keessatti poolisii humna addaa Oromiyaatiin butamanii erga hidhamanii waggoonni sadii darbaniiru.

Miseensa shanee gumii gumii sabaa ABO kan ta’an Obbo Abdiin erga hidhamanii, manneen murtii sadarkaa naannoofi federaalaa yeroo adda addaatti biliisa isaan baasus, poolisiin isaan hiikuu diduun mana hidhaa keessa hanga ammaa jiru.

Hidhamuu ilma isaanii booda haalli fayyaa obbo Raggaasaa Qopheessaa hammaachaa dhufuu kan himamu, amma gaafa lubbuun darbanitti waa’ee Obbo Abdiif dhiphachaafi gaddaa turanii jedhu maddeen.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa dhukkubsatanii Finfinneetti yaalamaa erga turanii booda, har’a ganama lubbuun darbuun isaanii dhaga’ame.

Miseensotniifi qondaalotni ABO har’a ganama reeffa Obbo Raggaasaa gara bakka dhalootasaanii Godina Shawa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti geggeessuun kan himame yoo ta’u, sirni awwaalcha abbaa goota kanaa guyyaa borii Dirree Incinniitti akka raawwatamu OMN odeeffateera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Insights on IGAD’s role in the Horn from the Ethiopian Tana Forum essay competition winner | Addis Zeybe

Ethiopian trade ministry to digitalize service payments through Telebirr | Addis Zeybe