[ad_1]
Aanaan Kiiramuu aanota Godina Wallagga Bahaa keessaa tokko yoo taatu, haleellaa hidhattoota Amaaraafi humnoota faannootiin aanota hedduu miidhaman keessaatti argamti.
Haleella tibbana Godinichatti godhamaa jiruun, Aanaaleen Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Angar Guuteefi magaalaa Guutee keessatti lubbuun namaa darbaa jiraachuus maddeen keenya himaniiru.
Ragaa waajjirri Koominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa kaleessa galgala toora Facebook isaarratti maxxanseen, jiraattonni gandoota baadiyyaa aanaa Kiiramuufi magaalaa Kiiramuu guutummaa guutuutti haleellaa humnoota faannootiin buqqaafamaniiru.
Gandoota aanaa Kiiramuu 23 keessaa gandooti 19 magaalaa kiiramuu dabalachuun guutuu guutuutti humnoota weerartuu kanaan qabamaniiru.
Humnoonni faannoofi hidhattootni naannoo Amaaraa biroon waajjiraalee mootummaa gubuu, manneeniifi qabeenya jiraattotaa barbadeessuufi saamuun lubbuu hawaasa nagaas galaafachaa jiraachuu maddeen OMN himaniiru.
Waajjirri Koominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa fuula facebook isaatiin akka beeksisetti, dhalattoonni Oromoo gandoota Aanichaa 19 keessaa guutummaan guutuutti buqqa’an kunniin magaalaa Ayyaanaa keessa qubsiifamuun, baayyinni hawaasaa humna magaalaa Ayyaanaa ol ta’ee jira.
Haleellaan tibba kana raawwatamaa jiru kun, kana dura bifa mul’atee hin beekneefi haala suukanneessaa taheen Uummata Aanaa Kiiramuu miidhaa jiraachuu maddeen OMN guyyuu ibsaa turaniiru.
Uummata magaalaa Ayyaanaattiit baqatee jiru kanaafis koreen ijaaramuun iddoo qubannaa yeroo, manneen barnootaa, dhaabbilee amantaafi waajjiraalee mootummaa keessa quphsiisuun tajaajilli yeroo kennamaafii kan jiru ta’uu waajjirichi eeree, baay’inni uummata gara magaalaa Ayyaanaatti baqataa jiruu ammas dabalaa jiraachuu himeera.
Qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu furmaata hatattamaa akka kennuu fi garaagartummaa tokko malee qindoominaan gumaacha lammii isa irraa eegamu akka taasisus, Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa waamicha taasiseera.
Odeeffannoo wal qabateen, Aanaa Angar Guutee magaalaa Guutee keessattis har’a ganamarraa eegaluun humnoonni faannoofi hidhattootni naannoo Amaraa daangaa ce’uun haleellaa raawwachaa jiran kun dhukaasa banuun, lubbuun namoota nagaa hedduu darbuufi humnoonni mootummaallee miidhamuu maddeen OMN-tti himaniiru.
Gabaasa hanga ammaatti qabnuun, poolisiin humna addaa Oromiyaafi qaamoleen nageenyaa, duulli qinda’aa kun humna isaanii ol waan ta’eef hawaasni akka baqatuuf waamicha taasisaa jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings