[ad_1]
Aanaalee godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa haleellaa finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannoo jala jiranitti manneen barnootaa heddumminaan barbadaa’uun ibsame.
Adeemsi baruu fi barsiisuu erga gufatee bubbuluu jiraattonni komatu.
Gama biraan godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti kan argaman barattonni kutaa 12ffaa aanaalee shanirraa qormaata biyyaalessaa Fulbaana 30 eegalurratti hin hirmaatan jedhame.
Aanaalee Haroo Limmuu, Eebantuu, Limmuu, Kiiramuufi Giddaa Ayyaanaa dabalatee bakkeewwan haleellaa finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannoo jala jiranirraa barattoonni hedduun qormaataaf akka hin teenye Waajjirri Barnootaa Godina Wallagga Bahaa beeksisa baaseen ibse.
Aanaaleen shanan godina Wallagga Bahaa jalatti argaman kunniin sababa rakkoo nageenyaatiin barnootaarra waan hin turreef, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 eegalamu irratti akka hin hirmaanne kan ibsu beeksisni biiroo barnoota godinichaa, yeroon qormaataa aanaalee kanneeniif qofaatti akka ifoomuufi Fulbaana 30 booda akka ibsamu beeksisichi addeesseera.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessaa kanneen akka Aanaa Amuruu, Horroo Bulluq, Horroo, Jimmaa Gannaatii, Jaartee Jaardagaa fi Abee Dongoroo keessatti ammoo magaalota aanaarraa kan hafe, manneen barnootaa gandoota baadiyyaa hedduun galmee barnootaafi qophii barumsaa akka hin eegalin madden keenya himaniiru.
Akka fakkeenyaatti gandoota baadiyyaa Aanaa Amuruu 13 guutummaa guutuutti humnoota finxaaleyyii Amaaraatiin buqqaafamanii jiran keessatti, akkasumas gandoota baadiyyaa 3 uummatni irraa buqqaafamuu baatus, finxaaleyyiitin qabamanii jiran dabalatee, magaalaa Agamsaafi ganda Joojii Migir keessatti galmeen barnootaa bara haaraa akka hin eegalamnetu himama.
Manneen barnoota hedduun aanicha keessatti gubataniifi saamamanii jiraachuu kan himan maddeen, bakkoota muraasatti ammoo buufata humnoota finxaaleyyii Amaaraafi faannoo ta’ee waan jiruuf tajaajila barnootaaf qopha’aa miti jedhu.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa 7 keessatti, gandootni baadiyyaa 50 ol ta’aan guutumaa guutuutti barnoota addaan kutanii jiru jedhame.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessattis gandoonni baadiyyaa 13 rakkoo wal fakkaataa qabaachuu kan himan maddee OMN garasirraa dubbise, adeemsi baruufi barsiisuu godinoota lamaan keessatti erga gufatee waggaa lama ta’uuf akka adeemu himu.
Hawaasni gandoota baadiyyaarraa haleellaa finxaaleyyii Amaaraatiin buqqaafamee magaalota aanaa keessa qubsifamanii jiran, bakka buufatanii jiranitti ijoollee ofii akka hin barsiifneefis ittifamanii jiraachuusaanii maddeen OMN himaniiru.
Barsiisonni hedduun finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin ajjeefamuufi manneen barnootaa hedduun humnoota kanaan cufamanii jiraachuu ilaalchisee mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e, biiron barnoota Oromiyaa waan jedhe hin qabu.
Kun kanaan osoo jiruu, haleellaan finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin hawaasa nagaa irratti raawwatamu ammallee godinicha keessatti hammaatee itti fufeera jedhu maddeen.
Guyyaarraa gara guyyaatti gareen finxaaleyyii Amaaraa kunniin namoota nagaa ajjeesuufi saamicha raawwaachuu addaan kutanii akka hin beekne maddeen OMN ibsaniiru.
Jiraattonni aanaalee godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa hedduun rakkoo ulfaataa keessa jiran kanarraa boqochuuf, mootummaan hanga ammaatti waan godhe hin qabu yoo jedhan, humnoonni nageenyaa naannicha buufatanii jiran hanga ammaatti haalicha tagabeessuuf yaalii taasisan akka hin qabne jiraattonni himaniiiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings