[ad_1]
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa hedduu keessatti hiriirri balaaleffannaa hidhattoota Faannoo adeemsifamuu jiraattonni himan.
Hawaasni Oromoo sababa duula qinda’aa hidhattoota Faannootiin qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqaafaman, rakkoo isaan keessatti kufan mul’isuun kaayyoo hiriira kanaatis jedhameera.
Mootummaan nageenya lammiilee eegsisuuf dirqama qabaa kan jedhan jiraattonni, hiriiricha irratti hawaasni sagalee tokkoon hidhattoota faannoo daangaa ce’uun haleellaa raawwatan akkasumas hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun mootummaan bobbaase ittiin jedhan, dararaa geggeessan balaaleffataniiru.
Duulli qindaa’aan hidhattootni Faannoo daangaa ce’uun uummata Oromoo qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisan kun bifa weeraraatiin eegalamuunsaa waggaa lama lakkoofsiseera.
Bara 2013 irraa eegaluun hanga guyyaa har’aatti adda citee akka hin beeknetu himama.
Lubbuun namoota nagaa kumatti dhihaatuu sababa haleellaa humnoota kanaatiin, Godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti darbeera.
Hawaasni kumaatamaan lakka’amu buqqaafamee, qe’ee ofiirraa baqateera.
Aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Eebantuu, Angar Guuteefi Haroo keessatti gandoota danuurraa Oromoon buqqaafamuun, laftisaa humnoota faannootiin qabameera.
Aanaalee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa kan akka Amuruu, Agamsa, Horro Bulluq, Jaartee Jaardagaafi Abee Dongoroo keessatti badiin ulfaataan qe’ee Oromoorratti raawwatameera.
Humnoonni Faannoo daangaa qaxxaamuranii dhufan kunniin yeroo adda addaatti magaalota haleeluun lubbuu ilmaan Oromoo jumlaan galaafachaa turaniiru.
Qabatni humnoota kanaas Waraana Bilisummaa Oromoo haleeluu kan jedhu ta’us, qiyyaasi rasaasa isaanii uummata Oromoofi saamicha lafaa ta’uu irra deddeebiin gabaasaa turreerra.
Mootummaanis gama isaatiin, duulicha duula siyaasaa taasisuun humnoota kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo haadhuuf yaadee harka irra qabaa akka ture jiraattonni komachaa turaniiru.
Ta’us dhumni duulichaa bifa jijjiirrateera. Humnoonni mootummaa osoo hin hafin, waajjirri Mootummaafi manneen jiraattotaa humna faannootiin saamamuu eegaleera.
Addumaan ammoo Sadaasa 14 irraa eegaluun magaalota gubuu, jiraattota jumlaan ajjeesuufi buqqaasuun hammaateera jedhu jiraattonni.
Jiraattonni godina Horro Guduruu Wallaggaas mootummaan rakkoo nageenyaa kana akka furuuf irra deddeebiin gaafatanii furmaata dhabuun, miira abdii kutannaa keessa galuun gara tarkaanfii ofirraa ittisuutti darbaniiru.
Hawaasni aanaalee akka Jaartee Jaardagaa, Amuruu, Agamsaafi Saqalaa mootummaan akka isaanirraa ittisuuf waamicha taasisanii, ofiis meeshaalee aadaatiin qolachuuf yaalii taasisaa jiru jedhan.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa hedduu keessattis hiriirri balaaleffannaa guddaan gareewwan hawaasa hunda hirmaachisuun adeemsifamaa jira jedhame.
Hiriirrichis mootummaan nageenya lammiileesaa akka eeguuf gaafachuu akkasumas haleellaa kana akka qolannuuf nu hidhachiisuu qaba kan jedhu ta’uu dabalataanis humnoota Waraana Biliisummaa Oromoo fakkeessuun mootummaan bobbaase ittiin jedhan ergama diinaa hojjechaa jiran balaaleffachuun kaayyoo hiriirichaa ta’uu jiraattonni himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, hiriirri guddaan kun Saqalaarraa eegalee aanota hedduu walga’ee jira.
Sagaleen uummata kanaa akka dhageettii argatuuf Uummatni Oromoo bal’aanis qaama hiriira kanaa ta’uun, sagalee akka nuuf ta’u dhaamna jedhaniiru.
Duulli qinda’aan kun Oromoofi Oromiyaa irratti waan banameef qaamoleen dhimma uummatichaaf hojjetan kamuu, furmaata waarawaa argamsiisuurratti akka xiyyeeffatuufis waamicha dhiheessaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings