Aanaalee godina Baalee fi Baalee Bahaa tokko tokkotti hongeen sababa hanqina roobaatiin mudate gara beela hordofsiisuun lubbuu namaa gaaga’uutti ceheera jedhame.
Aanaalee Harannaa Bulluq, Madda Walaabuu, Gurra Dhaamolee fi Sawweenaatti rakkoon kun akkaan hammaatee jiraachuu kan himan maddeen odeeffannoo OMN, beela mudateen keessumaa daa’imman hubaatii cimaaf saaxilamanii jiraachuu ibsan.
Aanaa Harannaa Bulluq gandoota hongeef saaxilamanitti daa’imman beelarra bu’uun hubaatii cimaan isaan mudataa jiraachuu ragaaleen suuraa garasii nu qaqqaban ni mirkaneessu.
Aanaa Gurra Dhaamoleettis ummanni hongeen cinatti lola daangaa gama naannoo Somaaleetiin irratti banameen rakkoo hammaataarra bu’ee beelaaf saaxilamee jiraachuu odeeffanneerra.
Aanaa Sawweenaatttis hongeen mudate gara beelaatti cehuun lubbuu namaa gaaga’aa jiraachuu jiraattonni kan ibsan wayita ta’u, aanaa Madda Walaabuuttis rakkoo wal fakkaatutu mul’ata jedhu.
Godina Harargee Lixaa aanaa Burqaa Dhiintuuttis hongee mudateen horiin dhumaa jiraachuu, midhaan Oyiruu irratti hafuu fi haalli jiru egeree hawaasichaaf yaaddoo jabaa ta’uu odeessi garasii arganne ni mul’isa.
Beelaa fi hongeen kutaalee Oromiyaa garaagaraatti babal’achuun balaa cimaa hordofsiisaa jiru kanaan walqabatee, godina Gujii aanaa Sabbaa Boruuttis haati beelaan duutee, daa’imni wayita reeffa haadha isheetii hootu argamuun oduu hoodaa tibbana dhageenyedha.
Yeroo Kibbaa fi Kibba Baha Oromiyaatti beelli lubbuu lammiilee gaaga’aa jiru kanatti balaan kun gama mootummaa naannichaan xiyyeeffannoo gahaa hin arganne, birmannaan qaamolee dhimmi ilaallatu biroon taasifamus akkaan xiqqaa ta’uu fi bakka hunda qaqqabuufis kan hin dandeenyedha jedhu jiraattonni.
GIPHY App Key not set. Please check settings