in

Aanaa Jalduutti WBO deeggartu jedhamuun uummanni hiraarfamaa jira. – OMN


Aanaa Jalduutti WBO deeggartu jedhamuun uummanni hiraarfamaa jira.

Godina Shawaa Lixaa gandoota baadiyyaa aanaa Jalduu keessatti Waraana Bilisummaa Oromootiif deggersa taasiftan jechuun hawaasa reebuu fi hidhuun akkaan hammaachuu jiraattonni himan.

Aanaa Jalduu ganda Sariitii jedhamtu keessatti abbaa warraa kee bakka inni jiru nutti himi jechuun haadha Oromoo aaddee Biraanee Baayisaa jedhamtu daa’ima ishee waliin humnoonni mootummaa hidhanii jiru.

Aaddee Biraanee Baayisaa dheengadda waaree booda ture qaamolee mootummaatiin reebichi hamaan kan irratti raawwatame.

Humnoonni mootummaa reebicha hamaa erga irratti raawwatanii booda, daa’ima xiqqoo waggaa sadii waliin ishee fudhatanii adeemuu miseensonni maatii ishee OMN-tti himaniiti jiru.

Gochi gara jabinaa kun, gandoota baadiyyaa aanaa Jalduu keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootiif deggersa taasiftan” jedhuun hawaasa irratti raawwatamaa jiraachuus jiraattonni aanaa Jalduu ganda Sariitii OMN-tti himaniiru.

Abbaa warraakee bakka inni jiru nutti himi jechuun haadha Oromoo aaddee Biraanee Baayisaa irratti reebicha hamaa erga raawwatanii booda, daa’ima waggaa sadii waliin gara Jalduu geessuun waajjira poolisii aanaa Jalduutti hidhuu kan himan jiraattonni, aaddee Biraanee Baayisaa sababa reebicha irratti raawwatameetiin miidhaa hamaaf saaxilamtee yeroo ammaa kana nyaata nyaachuu hin dandeessuu jedhu.

Hawaasa nagaa maqaa WBO deggertan jedhuun reebuufi hidhuun akkaan hammaachuu jiraattonni OMN dubbise kunniin himaniiru.

Ganduma Sariitii keessatti, Waraana Bilisummaa Oromoof deggersa taasiftan jechuun qaamoleen mootummaa, qonnaan bulaa Oromoo obbo Gazzahaany Mardaasaa jedhamu irratti reebicha hama raawwataniin du’aa fi jireenya gidduutti isa gatanii akka adeeman miseensonni maatii himaniiru.

Dabalataanis humnoonni mootummaa har’a ganama qe’ee obbo Waltajjii Margaa dhaquun, ‘ati miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti’ jechuun isa qabuuf yoo yaalan inni harkaa waan ba’eef, qe’ee isaa saamanii, miseensota maatiis gara mana hidhaatti fudhatanii adeemanii jedhu jiraattonni ganda Sariitii. 

Aana Jalduu keessatti manneen jiraattotaa gubuufi qonnaan bultoota Oromoo maqaa WBO deggertan jedhuun hidhuufi saamuun akkaan waan hammaateef, hawaasni qe’ee gad dhiisee baqachaa jiraachuu OMN odeeffateera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Gov’t Provides 1.2 Billion USD Loan to Private Sector Engaged in Agriculture: PM Abiy | Satenaw: Ethiopian News

How Kessie fits in at Barcelona