in

Aanaa Gooroo Guutuutti ajjeechaa fi hidhaa dabalatee namoonni nagayaa dararaa adda addaatiif saaxilamaa jiru. – OMN

[ad_1]

Aanaa Gooroo Guutuutti ajjeechaa fi hidhaa dabalatee namoonni nagayaa dararaa adda addaatiif saaxilamaa  jiru.

Godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuutti ajjeechaa fi hidhaa dabalatee namoonni nagayaa dararaa adda addaatiif saaxilamaa  jiraachuun dhagayame.

Humnoonni mootummaa rakkoo guddaa uummata irraan gahaa jiru jedhame.

Akka namoonni OMN’f yaada laatan himanitti aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Baroodaa keessatti guyyaa afur dura humnootiin mootummaa nama maqaan Isaa  Mohaammad Abdurahmaan jedhamu halkan manaa yaamanii rasaasa itti dhukkaasuun ajjeesan.

Humnootiin mootummaa nama kana ajjeesan, gocha gara jabummaa isaanii kana gara maqsuun qaamota birootti maxxansaa turan jedhan jiraattonni.

Osoo maatiin ilma keenya kan manaa yaame milishaa gandaati jedhanii dhugaa jirtu himanii qaamoleen mootummaa nu miti jedhanii dubbii gara dabsuuf yaaluuf jedhan.

Namoota heddus WBO waliin hariiroo qabdu jechuun hidhaa akka jiran himaniiru.

Namoota hidhaman kanneen keessaa dubartiin Dahaaboo Amiin jedhamtu ilma keetu facebookdhaan mootummaa irratti ololaa jira jechuun hidhamtee jedhan.

Aadde Dahaaboo Amiin kanaan duras badii takka osoo hinqabaatin sababa abbaan warraa ishii qabsaayaa ta’e qofaaf yeroo shanii ol hidhamanii bahuu odeeffanne jiraattota irraa.

Gama birootiin achuma aanaa Gooroo Guutuu  magaalaa Kaarramillee keessatti barattoonni 20n fi dargaggoonni biroon 15 humnaan gara mooraa leenjii waraanaatti fudhatamuu jiraattonni himaniiru.

Maatiin ijoollee ofii oolfachuuf yaales reebamuu odeeffanne.

Godinaalee Harargee lamaanii irraa  dargaggoonni hedduun dirqiin gara mooraa leenjii waraanaatti guuramaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiti jiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Imalli Galatoomaa qondaalota olaanoo KFO Jarmanitti imaluun jalqabe itti fufeeti jira. – OMN

Gov’t Working Closely with Humanitarian Organizations: NRMC Commissioner | Satenaw: Ethiopian News