Aanaa Cobiitti Maatiin haleellaa dirooniif saaxilaman waldhaansa dhabanii rakkachaa jirra jedhu.
Ummanni biyya keessaa fi alaa jiru karaa danda’uun nu bira dhaabbachuu qaba jechuunis dhaammatan.
Weennii Gurroo ganda Bakkee Hoofuu bakka addaa Qaalee jedhamutti haleellaa Diroonii Dilbata darbe aanaa Cobiitti raawwatamerraa namoota madaayanii lubbuun hafan keessayi.
Balaa gaaf sanaaf kan saaxilame waldaa Kiristaanaatti jedha.
Maatii isaa dabalatee Namoonni haleellaa sanaan battalatti dhumanii fi madaawan hedduu ta’uu gariin maqaa isaanii waamee yaadata.
Dhumaatii fi rukutamuu keenya malee dursinee wanni quba qabnu tokkollee hin turre jedha Weenniin.
Sadarkaa hammeenya balaa kanaa yoo ibsu namni wal awwaaluu dadhabee reeffi namootaa waraabessa, sarootaa fi allaattiin nyaatamaa turuu hima.
Madoowwan balaa hammaataa kanaaf saaxilamne hanga ammaa waldhaansa gahaa argachaa hin jirru jedha namni kun.
Harkarra rukutamuu kan himatu mucaa xinnaan Shoomaa jedhamu immoo badiitu nurra gahe jedhe.
Dirribaa Deessis lukarra rukutamuu fi waldhaansa dhabuu dubbata. Ummanni biyya keessaa fi alaa jiru karaa danda’uun nu bira dhaabbachuu qaba jechuunis dhaammatan.
Warri lubbuun nu keessa jiru addunyaatti kan dhaammannu balaa nurra gahee fi gahaa jiru dhagahee akka nuuf birmatu. Rakkoon keenya akka xumura argatu jedha Weenniin.
Ammallee xiyyaarri waaanaa naannicharra marsaa akka jiru kan dubbatan warri kun uummanni aanaa Cobii fi naannichaa sodaa guddaa keessa jiraachuu eeranii jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings