[ad_1]
Aanaa Calliyaatti Qeerroon daandii cufuun ummata isaanii haleellaa waraana Biltsiginnaarraa qolataa, Qabsoo Oromoo tumsaa jiru.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaatti Qeerroofi Jiraattonni naannoo walta’uun Lola uummata Oromoo naannoo waraanni bilisummaa Oromoo keessa socho’u jiraatan duguuguu fi Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf labsame waloon qolataa jiraachuun himame.
Qeerroofi jiraattonni Aanaa Calliyaa daandii gara Aanaa Midaa Qanyii fi Waayyuu Gooban geessu cufuun sochii waraana Biltsiginnaa danqanii, hawaasa isaanii haleellaa humnoota Biltsiginnaatiin qe’eesaa irratti dhiigaa jiru baraaruu irratti argamu. Kana mallees bifa garaagaraan Qabsoo dhalattoonni sabichaa kabajamuu mirga Oromoof taasisan tumsaa jiraachuu maddeen naannichaarraa odeeffanneerra.
Maddeen odeeffannoo OMN naannichaa akka nuuf ibsanitti, keessumaa bakka Adda Leencaa jedhamutti Qeerroon daandii kutuu fi haala banuuf rakkisaa ta’een cufuun sochii waraana biltsiginnaa danqaniiru.
Waraanni Biltsiginnaa haala isa mudateen rifaatuu keessa seenuu kan ibsan maddeen odeeffannoo OMN kunniin, Kaleessa uummata gabaa magaalaa Geedoo dhaqu guddaa xiqqaa, dhiiraa dubartii osoo hin jedhin dirqisiisuun, daandii Magaalaa Geedoo hanga Leencaatti cufamee ture bansiisuuf yaalaa turuu himan. Haata’u malee daandiin iddoo Leencaa jedhamurraa eegalee hanga magaalaa Baallammiitti jiru hanga Oduun kun qindaa’etti cufaa ta’uu ibsan.
Qeerroon daandii kutuun walqabatee murni aangoorra jiru waraanasaa lola naannichatti geggeeffamaa jiruun madaa’an kaafachuullee danqameera jedhu maddeen odeeffannoo OMN. Daandii kutuun alattis Qeerroon Waraana Bilisummaa Oromoof tumsa garagaraa gochaa jiraachuus ibsan.
“Lolli yeroo ammaa Oromiyaa irratti labsame lola qaama hidhate qofa irratti fuulleffate miti” jedhu Jiraattonni naannichaa. Lola waloon nurratti baname kana waloon qolachuu malee falli eeggannu hin jirus jedhan.
Gama Biroon Waraanni Mootummaa Magaalaa Baallammii keessa buufatee jiru Abbootii Qabeenyaa fi Ilmaan isaanii adamsanii hidhuun maallaqa uummatarraa saamaa jiraachuu maddeen odeeffannoo OMN ibsan. Magaalaa Geedoottis haala walfakkaatutu mul’ata jedhan.
Lolli amma Oromiyaa irratti labsame, lola Oromoo mara irratti labsame ta’uu hubachuun gocha duguuggaa sanyii bulchiinsi Abbaa Hirree Abiy Ahimad uummata keenya irratti labse waloon qolachuuf hunduu of qopheessuutu barbaachisa jedhan. Kutaalee Oromiyaa maratti, keessumaa iddoowwan lolli deemaa jiru hundatti Qeerroo fi Ummanni wal ijaaruun sochii waraana Biltsiginnaa akka danqu, uummatasaa akka baraaruu fi obbolootaafi ilmaansaa qabsoo hadhaawaatti jiraniif tumsa gama isaatii akka mul’isu dhaaman.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin Qeerroo fi Qarreen Oromoo mana taa’anii dhumuurra qabsoo geggeeffamaa jirutti akka makamaniif waamicha dhiyeesseera. “Waraanni Oromiyaa irratti labsame, nu osoo hin taane isin fixuuf kan labsamedha, kun ammoo iddoowwan garaagaraatti qabatamaan mul’ataa jira” kan jedhe Waraanni Bilisummaa Oromoo, dargaggoon Oromoo mana taa’ee dhumuun hin barbaachisu jedheera.
Namni kamuu kallattii isaaf aanja’uun qabsoo bilisummaa oromoof taasifamu kana tumsuun waraana bulchiinsi abbaa hirree Itoophiyaa, Oromiyaa irratti labse qolachuutu barbaachisa jedhe. Hawaasni iddoowwan lolli itti geggeeffamu jiraatus nageenya isaatiif ofeeggannoo barbaachisu gochuu akka qabu dhaameera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings