in

Aanaa Boosatitti WBO deeggartu jedhamuun uummanni hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni himan. – OMN


Aanaa Boosatitti WBO deeggartu jedhamuun uummanni hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni himan.

 

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo taataniittu jechuun dararaan qaamni mootummaa Ummata nagaa irraan gahu hammaatee itti fufuu jiraattonni himan.

Aanichatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, isintu qallaba, dawoo taataniittuuf sababa jedhuun yakkoonni garaagaraa yeroo dheeraaf ummata nagaa irratti raawwatamaa turuu kan himan maddi odeeffannoo OMN, ajjeechaa, hidhaa fi dararaan akkanumaan ummata nagaa irratti raawwatamu kun ammas nurraa hin dhaabbanne jedhu.

Keessumaa naannoo Nuuraa Heeraa jedhamutti hiraarri humnoota mootummaan raawwatamu kun akkaan hammaatee jiraachuu ibsuun, ummanni bahaa gala dhorkamee jira jedhan. 

Gandoota Baadiyyaa aanichaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubuu, midhaanii fi qabeenya ummatichaa saamuun gochoota bal’inaan raawwatamaa turanidha. 

Ammas taanaan yakkoonni ummata irratti raawwataman kun nurraa hin dhaabbanne, ummanni magaalaa bahee waa bitachuullee dhorkamee jira jedhan jiraattonni OMNf yaada kennan. 

Dhiira arginaanaan akka Gadamsaatti adamsanii hidhuu, darbees ni ajjeesu kan achi buutee isaanii wallaallee hafnes danuudha jedhan. 

Dargaggoota nagaa bifa kanaan qabanii ajjeesan ammoo WBO ajjeefne jechuun  gama Facebook Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaa fi miidiyaalee sirnichaatiin gabaasaa jiraachuus himan.

Mana hidhaa magaalaa Boolee jedhamtu, kan aanaa Boosat jalatti argamtu keessa namoonni akkanumaan hidhaatti guuraman hedduun jiraachuus odeeffanneerra.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Qondaalli olaanaan ABO Daawit Abdataa mana hidhaa Buraayyutti dhukkubsatanii yaala dhorgamuun nu yaaddesse jedhan maatiin. – OMN

Ethiopia Expresses Heartfelt Condolences on Death of Former Japanese PM Abe | Satenaw: Ethiopian News